Egeree qindoominaa fi hariiroo mishaa moo waraana- walga'iin Tiraamp fi Shii bu'uura akkamii kaa'ee darba?

Doonaald Tiraamp karaa bitaa fi Shii Jiinpiing karaa mirgaa. Lamaanuu kootii fi shamizii uffatu.Dizaayiniin halluu diimaa mataa Shii irra bu'ee jira.
Egeree qindoominaa fi hariiroo mishaa moo waraana- walga'iin Tiraamp fi Shii bu'uura akkamii kaa'ee darba?
    • Barreessaa, Anthony Zurcher
    • Gahee, North America correspondent
    • Barreessaa, Laura Bicker
    • Gahee, China correspondent
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Eegumsi naannoo Adda Babayii seena qabeessa Tiyaananmen (Tiananmen Square) akkaan cimeera.

Sirni addaa simannaa Pirezidant Doonaald Tiraampiif qophaa'aa akka jirudha.

Walga'iin aanga'oota addunyaa bebbeekamoo- Tiraamp fi Pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing dhiibbaa yeroo dheeraaf turu uumee darba jedhamee eegama.

Shii Jiinpiing fi Doonaald Tiraamp suufii gurraacha uffatanii loltoota Chaayinaa fuuldura yeroo darban

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daawwannaan kun erga Tiraamp bara 2017 yeroo dhumaaf Chaayinaa daawwattee daawwannaa pirezidantii US isa jalqabaati

Tiraamp ji'ootaaf hariiroo US fi Chaayinaaf bakka guddaa kennee hin turre.

Xiyyeeffannaansaa waraana Iraan, oppireeshinii waraanaa Hemisfeera Lixaa fi dhimma biyya keessaa ture.

Torbeen kun sana hunda jijjiiruuf jira. Egereen daldala addunyaa, dhimmi muddama Taayiwaan, dorgommiin teeknooloojiiwwan ammayyaa ajandaa daawwannaa Tiraampiin walqabatanii eegamaniidha.

Qoccolloon daldalaa US waliin keessa jiran fi waraanni Iraan gama diinagdeen Chaayinaa miidhuun waan hin oolle, gama siyaasaan garuu irree Pirezidant Shii waan jabeessan fakkaatu.

Daawwannaan kun egeree qindoominaa fi hariiroo gaarii ykn waraana, lameen keessaa tokkoof bu'uura kaa'ee darba.

Dhimma waraana Iraan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Chaayinaan suuta jettee adeemsa nagaa buusuu waraana Iraan keessatti qooda fudhachuuf yaalaa turte.

Waraana US fi Iraan karaa marii nagaan furuuf jaarsummaa Paakistaan gaggeessaa jirtutti dabalamuun tumsaa turteetti.

Beejiingii fi Islaamaabaad Bitootessa darbe akkaataa dhukaasa dhaabuu fi Ulaa Hormuuz bansiisuun danda'amurratti karoora qabxii shan qabu waloon baasanii turan.

Aanga'oonni Chaayinaa akka qondaalonni Iraan marii nagaatti deebi'aniif duubaan dhiibbaa uumaa turan.

Chaayinaan biyya addunyaarratti humna guddaa qabdu taatus waraanni kun akka xumuramu barbaaduunshee garuu shakkii hin qabu.

Guddinni diinagdee biyyattii hir'ateera, hoji dhabdummaan dabaleera.

Sababa Ulaan Hormuuz cufameef biyyoota guddoo miidhaman keessaa tokko Chaayinaadha.

Gatiin boba'aa dabaluun meeshaalee Chaayinaan oomishtu miidheera.

Meeshaalee akka peetrookeemikaalotaa, uffata fi pilaastikaa irratti gatiin dabaleera.

Oomishtoota garii Chaayinaa keessa jiran irratti gatiin hanga dhibbeentaa 20 dabaleera.

Barjaa guddaa magaalaa Tehraan keessa jiru kan danaa Ulaa Hormuuz mul'isu, afaan Tiraamp hidhamee

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Barjaa guddaa magaalaa Tehraan keessa jiru kan danaa Ulaa Hormuuz mul'isu, afaan Tiraamp hidhamee

Chaayinaan kuusaa boba'aa hedduu qabdi, gama maddeen anniisaa haaromsamanii fi konkolaattota elektirikiin hojjetaniin dursa qabachuun ishees rakkoo boba'aa akka dandamattu ishee gargaareera.

Ammoo waraanni kun diinagdee Chaayinaan irra jireessaan alergiirratti hundaa'u guddoo miidheera.

Kanaafuu Chaayinaan yoo itti seentee US tumsite, waan Ameerikaarraa barbaaddus qabdi jechuudha.

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii torbee darbe Beejiing daawwachuun Baha Giddugaleessaa keessatti dhiibbaan Chaayinaa guddaa ta'uu mul'isa.

Ameerikaanis adeemsa kana itti dhiheenyaan hordofaa jirti.

''Warri Chaayinaa waan itti himamuu qabu itti himaniiru jedheen yaada. Gochi isaan Ulaa Hormuuz irratti raawwataa jiran akka isaan qoollifachiise, gama kanaan waan gaarii gochaa akka hin jirre'' jedhe ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo.

Wayita manni maree nageenyaa UN haleellaa Iraan dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darban irratti raawwattu balaaleffachuuf sagaleen akka kennamu kora taa'ee ture US akka Chaayinaan balaaleffannaa kana tumsitu dhiibbaa gochaa turte.

Chaayinaa fi Raashiyaan yaada mana maree nageenyaa sana hin deeggarre.

Dhaabbata International Crisis Group jedhamutti qorataan dhimma hariiroo US fi Chaayinaa Alii Waayin ''Iraan osoo gara mariitti deebitee Ameerikaan ga'ee Chaayinaan marii kana keessatti qabaattuuf beekamtii ni kenniti jedheen yaada,'' jedhe.

Tiraamp haala isaa yoo ilaallu hariiroo Chaayinaa fi Iraan qabaniin waan dhiphatu hin fakkaatu.

Dhiheenya kana US kubbaaniyyaa Chaayinaa boba'aa qulqulleessu Iraan irraa boba'aa fe'ate jechuun qoqqobdeetti.

Pirezidant Tiraamp torbee darbe Chaayinaan waraana kanarratti Iraaniin tumsiteetti yaada jedhu fudhatama dhabsiiseera.

''Yoo ta'es akkuma ta'etti deebisna. Nutis waan faallaa isaanii hojjenna,'' jedhe.

Egeree Taayiwaan

Bulchiinsi Tiraamp dhimma Taayiwaan irratti miira ykn ergaa walmakaa dhageessisaa tureera.

Muddee darbe US waliigaltee waraanaa doolaara biiliyoona 11 ta'u Taayiwaan waliin mallatteessuun mootummaa Chaayinaa guddoo mufachiise, dallansiise.

Ammoo Tiraamp US dantaa Taayiwaan eegsisuuf tumsa taasisuu oduu jedhu fudhatama dhabsiiseera.

Chaayinaan Taayiwaaniin akka qaama isheetti ilaalti.

''Akka qaama Chaayinaatti ilaala. Sun dhimmasaati, wanti gochuuf deemu hunduu dhimmasaati,'' jechuun waa'ee Shii dubbate Tiraamp.

Tiraamp inumaa Taayiwaan gatii deeggarsa nageenyaa US taasifteef waan deebiste hin qabdu jechuun komata.

''Deeggarsa nageenyaa kennuufiin keenya waan nuuf argamsiise homaa hin qabu,'' jedhe.

Bara darbe Taayiwaan irra taarifa dhibbeentaa 15 kaa'ee ture Tiraamp. Inumaa meeshaalee indastirii shiboowwan elektirikii (semiconductor manufacturing) US jalaa hatan jechuun himate.

Torbee darbe Maarkoo Ruubiyoo dhimmi Taayiwaan daawwannaa Tiraamp kanarratti qabxii marii ijoo akka ta'u ibsee ture.

Galmi ijoon dhimmi kun biyyoota addunyaarratti humna guddaa qaban kunneen (US fi Chaayinaa) gidduutti madda waldhibdee akka hin taane gochuudha jedhe.

''Dhimma Taayiwaaniin walqabatee naannawa sanatti hookkarri ykn rakkoon tokkollee akka dhalatu hin feenu. Kun faayidaa waloo US fi Chaayinaati.''

Loltoonni Taayiwaan wayita shaakala hojjetan

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taayiwaan gara caalu deeggarsa waraanaa US irratti kan hundooftedha

Chaayinaanis gamasheen dhimmi Taayiwaan marii taasisan irratti dhimma dursa argatu akka ta'e eegdi.

Ministirri dhimma alaa Chaayinaa torbee darbe wayita Ruubiyoo waliin bilbilaan dubbatan US ''filannoo sirrii'' akka taasistu akka amanu dubbatee ture.

Beejiing guyyuu xiyyaarota waraanaa fi dooniiwwan waraanaa gara Taayiwaanitti erguun humni waraanaa ishee naannawa kana jiraachuu mul'isaa jirti.

Xiinxaltoonni tokko tokko aanga'oonni Chaayinaa dhimma Taayiwaan irratti akkaataa dubbii fi gaaffii isaanii kan bara 1982 ture irraa geeddaruu malu jedhu.

Imaammati US amma jiru Taayiwaan akka of dandeessee biyya taatu hin deeggaru.

Kanaafuu Beejiing ''US walabummaa Taayiwaan akka mormitu'' keessaa baastee ni dubbattii?

''Pirezidant Shii Jiinpiing waan kana godhu natti hin fakkaatu,'' jedha Jaarmiyaa Asia Society jedhamutti qorataan giddugala hariiroo US fi Chaayinaa, Joon Deluurii.

Marii daldalaa murteessaa

Bara 2025 gara caalu Chaayinaa fi US waraana daldalaa keessa turan, kun bu'uura diinagdee addunyaa akkaan raaseera.

Tiraamp michuu daldalaa guddoo US kan taate Chaayinaa irra taarifa kaa'u takka dabalaa, takka hir'isaa ture.

Yeroo itti dhibbeentaa 100 irraan ga'efaatu ture.

Chaayinaan gamasheen hamma albuudota akkaan qaalii ta'an gara Ameerikaatti ergituu hir'isuu fi oomishaalee qonnaa US bituu dhiisuu deebii kenniteetti.

Kun ammoo qonnaan bultoota naannawa filattoonni Tiraamp baayyinaan keessa jiran keessa jiraatan baayyee miidhuun bulchiinsa isaa qoreera.

Garuu erga Tiraamp fi Shiin Onkoloolessa darbe Kooriyaa kibbaatti qaamaan walarganii qoccolloon kun hanga tokko hir'ateera.

Dhimma kanarratti Tiraamp fi Shiin Beejiingiitti bal'inaan mari'atu jedhamee eegama.

Bulchaan Ameerikaa kun akka warri Chaayinaa oomishaalee qonnaa US bitan dhiibbaa ni uuma.

Chaayinaanis akka Tiraamp taarifa haaraa isheerratti hin daballe amansiifachuuf yeroon kana caalu hin jiru jechaa jirti.

Keessattuu Chaayinaan bulchiinsi Tiraamp akka duula adeemsa daldalaa Chaayinaa qorachuu irratti eegalee fi kanaanis taarifa dabalataa kaa'uuf jedhu dhaabu gaafatti.

Kun gama Ameerikaan qormaata guddaa ta'a.

''Ameerikaan daldala haqa qabeessa hin taane kan Chaayinaan raawwattu qorachuu dhiisti jechuun ni ulfaata. Akkaataa daldalli kun itti babal'ataa jiru yoo ilaaltu dhiisuun waan danda'amu miti,'' jedha xiinxalaan waashingtan DC jiru Mikeel Oo Hanlan.

Bulchiinsi Tiraamp hoggantoonni kubbaaniyyaa Nvidia, Apple, Exxon, Boeing fi kaanii isa waliin akka gara Beejiingi imalan affeereera jedha gabaasi Rooyitarsi.

Chaayinaan yeroo ammaa akka marsaa jalqabaa yeroo aangoo Pirezidantummaa Tiraamp daldalli ishee US irratti kan hundaa'e miti.

Garuu Shii Jiinpiing diinagdeen addunyaa akka tasgabbii godhatuuf walga'ii kana barbaada.

Chaayinaan yeroo ammaa biyyoota 120 waliin hariiroo daldalaa qabdi. Garuu Shiin daawwannaa kanaan wayita Tiraamp waliin mari'atan waan hundarratti amantee akka hin qabne beeka.