Injifannoo jalqabaa Kanaadaa hordofee waa'ee Alii Ahimed maaltu jedhame?

Madda suuraa, Getty Images
Alii Ahimed garee biyyaalessaa Kanaadaa keessatti taphataa urjii tahee mul'ataa jira.
Kaleessa Kanaadaan 6-0 yeroo Kaataariin mo'attu Aliin deeggartoota 50,000 fuulduratti gahumsa guddaa agarsiise.
Galchii hin lakkoofsisiin malee taphataan maatii Oromoo irraa dhalatee fi lammii Kanaadaa tahe Alii Ahimed injifannoo garee isaaf gumaacha guddaa bahateera.
Kanaadaan waggaa Waancaa Addunyaa irratti hirmaachuu erga jalqabdee waggaa 40 booda injifannoo jalqabaa argatte.
Gara biyyoota 32tti makamuuf qabxii tokko qofa barbaaddi. Kaataarii fi Boosiniyaan yoo qabxii gatan ammoo kallattumaan darbiti.
Meksiikoon biyya jalqabaa marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatte taateetti.
Alii Ahimediif tapha kaleessaa adda kan godhu dirree kileba isaa duraanii Vaankoovar Waayit Kaapsi irratti deebi'ee taphachuu isaati.
Aliin kileba kana keessa gara waggaa sadii taphateera. Istaadiyeemichatti haala gaariin bareera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waancaa Addunyaa biyyi isaa Kanaadaan Ameerikaa fi Meksiikoo waliin qopheessite irratti gahumsa gaarii agarsiisaa jira.
Tapha jalqabaa irratti jijjiiramee galuun Kanaadaan Boosiniyaa Herzigovaniyaa waliin qixa 1-1 akka xumurtuuf taphicha jijjiireera.
Alii Ahimed osoo gara Noorwichitti hin jijjiiramiin dura Kileba Vaankoovar Waayit Kaapsi jedhamuuf taphataa ture.
Tibbana yeroo garee biyyalessaa Kanaadaa waliin dirree kana irratti shaakala hojjetu hojjettoota kilebicha keessaa, gaazexeesitootas dabalatee maqaa isaniin yaadatee wamauun dubbisaa ture.
Aliin taphataa jaallatamaa fi amala hin jijjiirranne akka tahe miidiyaaleen biyyichaa barreessaniiru.
Tapha Kanaadaan kaleessa galgala 6-0 Kaataar mo'atte irratti Aliin jalqabuma hiriirun gahums agaarii agarsiise gara daqiiqaa 70 ol taphate.
Kaataar taphattoota lama kaardii diimaan dhabdus isuma durayyuu Kanaadaan 2-0 dursaa turte.
Liyonel Meesiin galchii sadii jalqabaa tapha tokko irratti erga lakkoofsisee Joonaataan Deevid taphataa lammaffaa galchii sadii tapha tokko irratti lakkoofsise taheera.
''Kuni qe'eekooti. Asittan tapha piroofeshinaalaakoo jalqabe. Dirreen duraan keessatti beekamu irratti deebi'ee biyakoo bakka bu'uun ammoo kabaja guddaadha'' jedhee miidiyaalee Kanaadaatti dubbateera.
''Ergan asii deemee yeroo gabaabaadha. Deebi'ee kutaan duraan keessatti uffata jijjiirachaa turre keessatti deebi'ee biyyakoof taphachuun miira addaa namaaf kenna. jaalladheera'' jedhe.
Aliin Amajji darbe ture doolaara miliyoona sadii tahuun Noorwich Siitii kan gale.
Noorwich kufaatii keessaa bahuun dorgomaa cimaa akka tahuuf shoorri ALii Ahimed guddaa ture.
Alii Ahimed eenyu?
Dhalataan Oromoo lammii Kaanaadaa Alii Ahimad kilaba Ingiliz Shaampiiyoonshiippii keessa taphatu Noorwiich Siitiif mallatteesse.
Noorwiich taphataan kilaba Kaanadaa Vaankooveer Waayit Kaap kun gareesaatti makamee lakkoofsa 21 uffatee akka taphatu mirkaneesseera.
Transfer Market akka ibsetti Aliin paawundii miliyoona lama ta'uun Noorwiichitti makame. Kontiraatnisaas hanga bara 2028/29 tura.
Taphataan sarara gidduu ganna 25 kun gara kilaba Ingiliz kanaa dhuufu wajjiin walqabatee yaada miidiyaa kilabichaaf kenneen ''waayee hiree kanaa yeroon dhagahe hedduun gammade'' jedhe.
''Noorwiich garee guddaa guddaadha. Anis qaama garee kanaa ta'uukootti baayyeen gammade.''
Noorwiich Siitiin bara 2019/20 fi bara 2021/2022 Pirimiiyeer Liigii keessatti kilaba dorgomaa tureedha.
Ali Ahimad bara 2023 irraa kaasee Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kaanaadaaf filamee taphataa ture.
Aliin bara 2021 kilaba Vaankover waliin hoojjechuuf garee daragaggotaatti makame. Achiis bara 2022 konitaraatasaa piroofeeshinaalaa kan jalqabaa mallateteesse.
Abbaafi haati isaa lammiilee Itoophiyaa, dhalootaan Oromoodha.
Waggoota 30 ol dura Harargee irraa gara Kanaadaa imalanii achi jiraachaa akka jiran maatiin BBCtti himan.
Inni garuu achumatti dhalatee guddate.
Akka maatiin isaa jedhanitti, ijoollummaa irraa eegalee kubbaa jaalata. ''Hedduu jaalata [kubbaa miilaa]. Amata [waggaa] afuritti kilaban geessuu ture isaafi obboleessa isaa,'' jedhu haati isaa Aadde Muntahaa Aliyyii.
Maqaan isaa guutuu Ali Afandii Ahimadidha. Maqaa biyyoota Lixaatti waamamuun miidiyaaleen Kanaadaa maqaa xumuraan Alii Ahimad jedhanii waamu.
Inumaa maqaa isaayyuu anatu baaseef jedhu harmeen isaa.
''Maqaan isaa maqaa abbaa kiyyaati. Anaatu baafate. ''
Maatiin Obbo Afandii ijoollee shan horatan keessaa Aliin afraffaarratti dhalate.
Taphataa ganna 22 dha. Kan kubbaa miilaa jaalatuufi taphatu garuu isa qofaa hin turre.
Obboleessi isaas ni taphata. Maatiin immoo isaan daawwatu.
''Manni kuni guutuun sookara [kubbaa miilaa] jaalatu turre,'' jedhu Aadde Muntahaan.
Aliin amma Noorwiich kufaatii keessaa baasaa jira. Biyya isaa Kanaadaafis abdii guddaa taheera.















