Namichi obboleettiin du'uu mirkaneessuuf reeffa baankii geesse dheekkamsa kaase

Madda suuraa, BBC Hindi
Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira isin jeequu mala.
Namichi baha Hindii jiraatu maallaqa obboleettiin isaa baankiitti qusatte baasuuf deemuus gargaarsa waan dhabeef du'uu ishee mirkaneessuuf reeffashee baatee baankii geessuuf dirqamuu hime.
Jiitu Mundaa, ganna 52, viidiyoo hambaa lafee ishee baatee gara baankii yeroo adeemu mul'isu ijoo dubbii ta'eera, dheekkamsa jabaas kaase.
Kanas kan godhe irra deddeebiin maallaqashee baafachuuf yaalus baankiin waan isa dhowwateef akka ta'e hime.
Poolisiin akka jedhetti owwaala qotee reeffashee baaseeti gara baankii kan geesse.
Baankichi garuu ragaa akkanaa gaafachuu isaa waakkate.
Baankichi akka jedhetti, ragaa seeraa isheen du'uu mirkaneessu qofa barbaadne jedhe.
Taateen kuni hanqina hubannoo adeemsarratti qunname ta'uu akka malu himuun eegasii maallaqichi kanneen seeraan dhaalanif kennamuu ibse.
Taateen kuni aanaa Kewonjihaaritti gaafa Wiixataa kan mudate yoo ta'u sadarkaa biyyaatti ija namootaa seenee dheekkamsa kaase.
Namoonni baay'ee namicha gargaaruu dhaban jechuun qondaalotaafi baankii qeeqaniiru.
Ministirri Galiiwwanii Odishaa Sureesh Pujaari dhimmichi qoratamaa akka jiru himuun himannaa irratti dhihaateen hogganaa damee baankichaarratti tarkaanfiin akka fudhatamu himan.
Bulchiinsi aanaa Kewonjihaaris ''yaaddoo jabaa'' ibsuun mirgaafi kabaja namaa eeguun hunda dursa jedhe.
Mundaa BBC Afaan Hindiitti akka dubbatetti rakkoon kan isan qunname obboleettiin isaa ganna 56, Kalaraa, erga ji'oota muraasa dura duute boodadha.
Hojii humnaa hojjetaa kan turte yoo ta'u abbaa warraafi ilmi ishee erga du'an booda qe'ee warra isheetti deebite jedha obboleessi ishee.
Du'u isaanii ji'oota muraasa dura horii qabdu gurgurtee dolaara 203 baankii keesse.

Madda suuraa, Hindustan Times via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mundaan akka jedhutti si'a baay'ee dhaqee baankii gaafatus maallaqicha argachuu hin dandeenye.
''Yeroo manaajarri baankii na dhagahuu didee ragaa na gaafatu, baay'een abdiin kutadhe,'' jedhe. ''Du'uu ishee mirkaneessuuf reeffa ishee fide.''
Viidiyoon ijoo dubbii ta'eefi namoonni waa'ee isaa haasa'an irratti namichi reeffa obboleettii isaa madaabaraan maree gateettiirra baatee mul'ata.
Balbala baankii geessee kaa'e. Eenyu akka viidiyoo waraabe garuu hin beekamu.
Erga dhimmi kuni dheekkamsa kaase booda namoonni baay'ee maallaqa nama du'e baankiidhaa argachuun keessumaa yoo nama maallaqicha dhaalu galmeessuu dhaban rakkisaa akka ta'e ibsan.
Kaanimmoo namoonni baadiyyaatii dhufan tajaajila baankii argachuu akka rakkatan himan.
Hindii keessatti abbaan herreega baankii qabu nama isa dhaalu osoo hin ibsin yoo du'e maatiin isaa/ishee dhaaluuf ragaa du'aa yookaan seeraan dhaaluuf mirga qabaachuu isaanii agarsiisu dhiheessuu qabu.
Kunimmoo yeroo fudhata keessumaa baadiyyaatti waraqaa akkanaa argachuun rakkisaa ta'etti.
Erga dubbiin cimee booda, baankiin 'Indian Overseas Bank' jedhamuufi Baankii Odishaa Giraameen bakka rakkoon dhalate hoogganu gabaasa hojjetaan baankii ragaa qaamaa du'uu mirkaneessu dhiheessaa jedheera jedhame ''sirrii miti'' jedhe.
Namichi adeemsa hordofuu qabu itti himamuus adeemsicha hin hordofne jedhe.
Inumaa namichi jalqaba ''machaa'ee'' dhufe jechuun himatee achii reeffa ishee waliin deebi'e jedhe.
Taatee mudates kan nama ''jeequ'' jedhe.
Hogganaan damee baankichaa Sushaant Kumaar BBC Hindiitti akka dubbatetti jalqaba Mundaan obboleettiin isaa qaamni ishee akka laamsha'eefi qaamaan baankii dhufuu akka hin dandeenye dubbate jedhe.
Eegasii hojjetaan baankii mana dhaqee akka ilaalu yaada dhiheesseef. Boodarra obboleettiin isaa akka duute dubbate jedhe.
Dabaluunis, Mundaan ji'oota lamaan darban baankicha dhufee akka hin beekne, maatiin obboleettii biroo maallaqicha fudhachuuf dhufuufi qondaalonni baankii ragaa barbaachisu gaafachuu isaanii hime.
Boodarra poolisiifi qondaalonni gidduu seenanii reeffa obboleettii isaa akka boollatti deebisu godhanii gaaffiin isaa akka deebii argatu amansiisani.
Qondaalonni maallaqa Hindii ruppii 30,000 akka kennaatti kennaniif.
Gaafa Roobii qondaalonni waraqaa ragaa obboleettiin du'u mirkaneessuufi seeraan dhaaluu akka danda'u kennaniif.
Boodarra baankiin maallaqichi miseensa maatii obboleettiif kennamuu hime.















