Baqataan Itoophiyaa Ameerikaatii ari'ame Kaameroon seene

Baqataa Itoophiyaa dabalatee lammiileen biyyoota Afrikaa afur Ameerikaarraa ari'ataman torban kana Kaameroon seenuu isaanii gabaafame.
AFP'n abukaatoo isaanii dubbisuun akka gabaasetti, godaantonni saglan gara biyya Kaameroonitti kan ergaman waliigaltee US fi Kaameroon gidduu raawwate bu'uura gochuuni.
Lammiileen achitti ergaman kan Itoophiya, Gaanaa, Angoolaafi Kongoo Biraazaavilidha.
Bulchiinsi Donaald Tiraamp tarkaanfii baqattootarratti fudhatu kan cimse yoo ta'u baqattoota biyya isaaniitti deebi'uu hin dandeenye gara biyya sadaffaa erga.
Ameerikaan biyyoota baay'ee baqattoota simatan waliin waliigaltee kan raawwatte yoo ta'u kunneen hanga biyya isaaniitti deebi'anitti biyya isaan simatte turu.
Biyyoota waliigaltee akkanaa bulchiinsa Tiraamp waliin mallatteessan keessaa tokko Kaameroonidha.
Erga baatii Amajjii asiitii baqattoonni si'a sadii gara Kaameroon ari'amuu Ameerikaatti abukaatoon baqattootaa Almaa Deevid AFP'tti dubbataniiru.
Baqattoonni torban kana Kaameroon gahan dubartoota jahaafi dhiirota sadiidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana dura gara Kaameroonitti kanneen ari'aman baqattoota 17'tti makamu jedhameera.
Gaazexaan Ameerikaa Niiw Yoork Taayims akka gabaasetti Kaameroon baqattoota lammiilee ishee hin taane waan simatteef dolaara miiliyoona 300 US irraa argatti.
Biyyoota biroo waliigaltee akkanaa US waliin mallatteessan keessaa Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Ikuwaatoriyaal Giinii, Gaanaa, Iswaatinii fi Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo ni argamu.
Kanneen biyya sadaffaa yookiin biyya biraatti baqattoota ergaman keessaa baay'een isaanii yaaddoo nageenyaan gara biyya isaanii akka hin ari'amne sirna haqaa Ameerikaan dhorkaan kan ka'amefidha.
Sababa kanaan bulchiinsi Tiraamp gara biyya sadaffaa kan isaan ergu yoo ta'u biyyi isaan simatus gara irraa dhufan isaan ari'uu danda'a.
Kana dura baqattoonni Kaameroonitti geeffaman keessaa afur gara biyya isaanii Morookoo, Angoolaa, fi Senegaal ari'amaniiru.
Manneen murtii Ameerikaa dubartoonni Morookoo lamaan yoo gara biyya isaaniitti deebifaman yaaddoo nageenyaa akka isaan qunnamu hubatanii turan.
Ta'us, garuu ari'amaniiru.
Abukaatoon US AFP'tti akka himanitti baqattoonni gara Morookoo erga deebifaman booda kan jiraataa jiran dhokataniiti.
Namoonni 13 hafan yoo barbaadan Kaameroon keessatti koolu galtummaa gaafachuu akka danda'an gabaafameera.














