Waraanni Yaman hidhattoota Huutii ulaa Baab el-Mandab keessaa ari'uu ibse

Loltoonni mootummaa Yaman kan deeggarsa Sa'uudii Arabiyaa qabuu dhiheenya kana hidhattoota Huutii irratti haleellaa cimaa banuu ibsan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Humnoonni mootummaa Yaman kan deeggarsa Sa'uudii Arabiyaa qabuu magaalota handaara galaanaa kanneen akka Morka to'achuun hidhattoota Huutii ulaa Baab el-Mandab keessaa gussaa jiraachuu ibsan.

Hidhattoonni Huutii deeggarsa Iraan qaban ji'a darbe keessa ture ulaa daldala addunyaaf akkaan murteessituu taate Baab el-Mandab kan to'atan.

Huutiin oppireeshinii waraanaa deeggarsa mootummaa Sa'uudii Arabiyaan humnoonni mootummaa Yaman irratti raawwatan jiran haaluu ba'uuf Sa'uudii irratti haleellaa raawwateera.

Iddoowwan akkaan murteessoo ta'an kanneen akka Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa mootii Kaaliid kan Riyaaditti argamu, kuusaa boba'aa Aramco Rabigh keessatti argamu, Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Abha fi buufata humna waraanaa Khamis Mushait haleeluu ibse Huutiin.

Haleellaan Huutiin raawwachuu ibse kun qaama walabaarraa hin mirkanoofne. Mootummaan Sa'uudii fi dhaabbati boba'aa Aramco dhimma kanarratti gaaffii dhihaateef deebii hin kennine.

Rooyitarsi maddeen mootummaa afur wabeeffachuun akka gabaasetti humnoonni mootummaa Yaman deeggarsa humna waraanaa guutuu Sa'uudii irraa argatan Wiixata, Onkoloolessa 5, 2026 irraa eegaluun magaalaa Morkaa jedhamutti wayita siqan hidhattoonni Huutii dheessaniiru.

Ministeerri ittisaa biyyattii magaalattii harkasaa galuu ibseera.

Tarkaanfiin mootummaa kun yoo dhuguma ta'e Huutiin ulaa Galaana Diimaa akkaan murteessaa ta'e Baab el-Mandab dhabuusaati.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ulaan Baab el-Mandab fi Ulaan Hormuuz Baha Giddugaleessaa keessatti ulaawwan akkaan murteessoo boba'aa fi meeshaalee kaan geejjibsiisuuf gargaaran yoo ta'u yeroo ammaa olaantummaa Iraanii fi Huutiin goolamaa jiru.

Iraan Ulaa Hormuuz cufuun dantaashee eeggataa jirti, karaa hidhattoota deeggartuu, Huutii, ammoo Ulaa Baab el-Mandab to'achuun dooniiwwan karaa sana darban danqaa jirti.

Amma hidhattoonni Huutii ulaa kana gadhiisuun gara gaarreen Yaman seenuun gabaafamus, bakkuma jiranirraa garuu misaayelaa fi dirooniin dooniiwwan karaa Galaana Diimaa darban haleelaa jiru.

Qindoominni humna waraanaa Sa'uudiin hoogganamuu fi Huutii waraanaa jiru gamasaan humni galaanaa bulchiinsa Yaman naannawa Galaana Diimaatti argamtu Hodeeyidaa keessatti oppireeshinii gaggeessuu ibseera.

Hidhattoonni Huutii ji'a darbe keessa magaalota handaara Galaana Diimaa fi odoolaawwan murteessoo naannawa kanaa to'achuun Ulaa Baab el-Mandab salphumatti of harka galchuun daldala boba'aa addunyaatti yaaddoo ta'anii turan.

Amma humnoonni mootummaa Yaman buufata xiyyaaraa xiqqoo bulchiinsa Dhubab keessatti argamu dabalatee lafa naannawa kanaa hedduu to'ataniiru.

Kun ammoo qubsuma Huutiin to'atetti yaaddoo uume. Haala kanaan Huutii Ulaa Baab el-Mandab gadhiisisuuf hojjetaa jiru mootummaan Yamanii fi Sa'uudii Arabiyaa.

Rooyitarsi gabaasa isaa kanaan iddoowwan humnoonni mootummaa Yaman qabachuu himu qaama walabaarraa hin qulqulleeffanne.

Bara 2014 irraa eegaluun maagaalaa Sana'aa fi kutaalee Yaman gara kaabaa to'atanii kan jiran hidhattoonni Huutii, wanti mootummaan Yaman kan Sa'uudiin deeggaramu himu kun oduu bu'uura hin qabne ta'uu ibse.

Hidhattoonni Huutii Sa'uudii keessatti magaalaa Makkaa dabalatee iddoowwan murteessoo irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwataniiru.

Sa'uudii, Turkii fi Paakistaan qindoomina wayita uummatan kora isaanii booda Huutiin magaalota qulqulluu fi kabajamoo Makkaa fi Madiinaa irratti xiyyeeffachuu balaaleffataniiru.

Biyyoonni kunneen Hagayya keessa walga'uun tumsa humna waraanaa kan uummatan yoo ta'u, tumsa kanas Waliigaltee Humna Ittisaa Waloo Makkaa (Mecca Joint Defence Agreement) jechuun moggaafatan.

Akkaataa waliigaltee isaaniin haleellaan biyya tokkorratti raawwatu akka haleellaa biyyoota kaanirrattis raawwatameetti fudhatama.

Kanaaf yoo biyyi tokko tuqamte miseensi hunduu tarkaanfii fudhachuun akka wal tumsu waliigalan.

Tarkaanfii Huutii balaaleffachuun wayita ibsa baasanis haleellaa hidhattoonni kunneen Sa'uudii irratti raawwatan kamiifuu deebii akka kennan waliigalaniiru.