US guddina humna waraanaa Chaayinaan yaadda'uun biyyoonni Eeshiyaa humnasaanii cimsachuun akka dura dhaabbatan gaafatte

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Ittisaa US Piit Heegset biyyoonni Eeshiyaa olaantummaa humna waraanaa Chaayinaa saffisaan guddataa fi babal'ataa jiruu jalaa ba'uuf humnasaanii cimsachuun dura dhaabbachuu akka qaban dhaaman.
Qondaalli waraanaa olaanaan US kun ''wayita Chaayinaan naannawa kanatti olaantummaashee mirkaneeffachuuf irree ishee diriirsaa jirtutti biyyoonni akka dammaqan gaafachuun ergaa akeekkachiisaa haqa qabeessaa fi sirrii ta'eedha,'' jedhan.
Heegset waltajjii Eeshiyaa keessatti isa olaanaa ta'e kan hooggantoota ittisaa, loltootaa fi dippiloomaatota olaanoo walitti fide irratti kana dubbatan.
Korri Shangri-La Dialogue jedhamu kun Singaapoor keessatti qophaa'e. Korri kun biyyoota michuuwwan walii ta'anirraa kan hundaa'e yoo ta'u irree tokkoon weerara qolachuu fi madaala aangoo naannocha keessatti eeguuf kan gargaarudha.
''Wayita seenaa keessatti Chaayinaan humna waraanaa akkaan babal'isaa jirtu kanatti biyyoonni kaan akka dammaqan dhaamuun akeekkachiisa sirrii fi qajeelaadha,'' jedhan Heegset.
''Naannoon Paasific abbaa humna qabuun kan qabatamu yoo ta'e madaalli aangoo waliin jireenyaaf murteessaa ta'e duubatti deebi'a,'' jedhan.
Chaayinaa dabalatee biyyi kamuu olaantummaa aangoo humnaan kaanirratti fe'uun nageenya ykn badhaadhina biyya keenyaa fi michoota keenyaa gaaffii keessa galchuu hin qabu.''
Ameerikaan biyyoonni Eshiyaa michoota ishee ta'an galii waliigalaa waggaatti argatan (GDP) isaanii keessaa dhibbeentaa 3.5 damee ittisaaf akka ramadan eegdi.
Qondaalli waraanaa US kun humna waraanaasaanii babal'isuuf doolaara tiriiliyoona 1.5 ramaduu ibsan.
Biyyoonni Paasifik walga'ii fi kora heddummeessaa caalaa humna ittisaa cimsuurratti xiyyeeffachuu qabu jedhan Heegset.
''Kora Shangri-La muraasa, dooniiwwan waraanaa hedduu,'' jechuun michootasaanii gorsan.
Michoonni keenya dubbii babal'isuu ykn hammeessuu osoo hin taane tasgabbiitu malaaf jedhan Heegset.
Heegset yeroo ammaa Chaayinaa waliin hariiroon biyyisaanii qabdu fooyya'aa ta'uu ibsan.
''Kan waggoota hedduuf ture caalaa baayyee fooyya'aadha. Hariiroon gama humna waraanaa biyyoota lamaan cimuun ammoo michummaan biyyoota lameenii akka fooyya'uuf qooda guddaa gumaache.''
Yuniversitii Tsinghua jedhamu keessa kan hojjtuu fi duraan koloneela olaanaa Waraana Bilisummaa Uummataa kan ture Zhou Bo hariiroon Chaayinaa fi US akkaan walxaxaa ta'uu him.
'Lameenuu waliin dubbachuuf balballi isaanii banaadha. Haalli jiru akka biyyoonni ykn namoonni dhimma kanaa ala jiran hafarsan miti,'' jedhe.
Heegset akkaataan dubbii isaanii kan bara darbeerra barana wayya kan jedhe qondaalli waraanaa duraanii Chaayinaa kun, daawwannaan dhiheenya Tiraamp Chaayinaatti taasise hariiroo biyyoota lameenii daran fooyyessuu ibse.
Chaayinaan bara darbe hoogganaan waraanaa US Piit Heegset waa'ee Chaayinaa waan hin malle dubbate jechuun himattee turte.












