Hospitaalli Kuyyuu meeshaalee yaalaa birrii mil.100 ta'u daayaaspooraarraa argate

Madda suuraa, Tasfaayee Badhaasaa
Dhalattoonni godina Shawaa Kaabaa (Salaale) biyyoota addunyaa garaagaraa jiraatan Hospitaala Waliigalaa Kuyyuutiif meeshaalee waldhaansaa birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu deeggarsa godhan.
Deeggarsi akkanaa dhalattoonni godinichaa bifa qindaayeen tolchan akkasii kan jalqabaati.
Hoji-gageessaan Hospitaala Kuyyuu Obbo Geetuu Siyyum meeshaalee deeggarsaan hospitaallisaanii argate BBC'tti himan.
"Meeshaalee yaala balaa tasaatiif oolu, kutaa baqaqsanii yaaluuf kan oolan, kutaa ICU (yaala muddamaaf) kan oolan, akkasumas meeshaalee waldhaansa haawwaniif daa'immaniif kan oolu" arganne jedhu.
Meeshaaleen kunneenis: maashina waldhaansa muddamaaf oolu (ICU machine), kan waldhaansa ilkaanii (Dental chair), waldhaansa sirna hargansuu (CPAP machine), qoricha bifa dhangala'aan qaamaaf dabarsu (Nebuliser), maashina oksijiinii calalu (Oxygen concentrator), meeshaa oppireeshinii (OR cable) fi kaan argachuu ibsan.
Kana malees sireewwan tajaajila da'umsaa haawwanii fi oolan gosa garaagaraa hospitaalli isaanii argachuu dubbatanii jiru.
Hospitaalichi meeshaalee gariin duraan kan qabu ta'us hanqinni guddaan jiraachuu himan hoji-gaggeessaan kun.
Meeshaaleen waldhaansa fayyaa kunneen pirojektii CURE International jedhamu kan ministeera Fayyaa Itoophiyaa waliin hojjetuu fi Islamic Relief Canada Ethiopia dhaabbilee jedhamanirraa kan arjoomaman yoo ta'an, dhalattoonni godinichaa 100 caalan immoo gumaacha maallaqaa godhaniiru jedhameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tumsi kun, Hospitaalli Waliigalaa Kuyyuu tajaajila qulqulluu fi si'ataa akka kennu akkasumas kaka'umsi hojjettoota isaa akka dabalu nu gargaara jedhan Obbo Geetuun.
Dhukkubsattoonni sababa hanqina meeshaalee waldhaansaa tajaajila akka hin dhabnes ni godha jedhu.
Deeggarsa kana gochuuf maaltu akka isaan kakaase kan dubbatu bakka bu'aan dhalattoota godinichaa obbo Tasfaayee Badhaasaa, "maaliin hawaasa keenya cinaa dhaabbachuu dandeenya jechuudhaan erga mari'annee booda, hawaasni keenya damee fayyaa irratti hanqina waan qabuuf gama kanaan yoo deeggarre wayya jennee waliigaluun meeshaalee kana galchine" jedhu.
Dhalattootni godinichaa kutaalee addunyaa garaagaraa jiran tumsa akkasii kan godhan yeroo jalqabaatiif ta'uus bakka bu'aan isaanii obbo Tasfaayee Badhaasaa BBC'tti himaniiru.
"Tana dura tumsa akkasii goonee hin beeknu, tana dura karaa bittinnaayeeni tumsa gochaa turre, amma garuu ni ijaaramne, ni mari'anne, haala qabatamaa godina keenyaa yoo laallu gama fayyaatiin rakkoo bal'aaakka jiru adda baafne, karaa gurmuu qabuun deeggarsa jalqabaa goone."
Fuulduraafis gurmuu qabaniin tumsa akka itti fufan ibsan.
"Kutaa Addunyaa garaagaraarraa quba wal qabna. Fuulduraafis itti fufiinsaan hojjenna. Amma marsaa 2ffaa maal gochuu qabna kan jedhu ammumarraa marii jalqabneerra."
Hospitaalli Waliigalaa Kuyyuu aanolee afur: Warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee, Kuyyuu, Dagam gariin fi magaalaa Garbagurraachaaf walumatti hawaasa miliyoona 1.4 ta'uuf tajaajila kenna.
Siree 60 kan qabu hospitaalli kun hospitaalota godinichaa keessaa Hospitaala Yunivarsiitii Salaaleetti aanee baay'ina dhukkubsattoota tajaajila kennuufiin akka godinichaatti lammaffaarratti argama.

Madda suuraa, Tasfaayee Badhaasaa


















