Araada bilbila harkaa fayyaa sammuufi qaamaaf yaaddoo ta'eef tarkaanfilee fudhachuu dandeenyu

Maariyoos guyyaatti bilbila isaarratti sa'aatii 14 dabarsa

Madda suuraa, BBC/Emma Lynch

Ibsa waa'ee suuraa, Maariyoos guyyaatti bilbila isaarratti sa'aatii 14 dabarsa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Araadni bilbila harkaa yeroo dheeraaf akkasumas irra deddeebiin ilaaluu wanta rakkoo fayyaa ofdanda'edha jedhamee ramadame miti.

Haata'u malee, qorannoo dhaabbanni Dilooyit (Deloitte) yeroo dhiyootti taasiseen ga'eessota 1,000 keessaa dhibbeentaa 70 kan ta'an iskiriinii bilbilasaanii ilaaluun yeroo dheeraa akka dabarsan himaniiru.

Hayyuuleen bilbiloonni ammayyaa haala sammuu keenyaa jijjiiraa akka jiran akeekkachiisaa kan turan yemmuu ta'u, namoonni tokko tokko bilbilasaaniirratti hirkattoota ta'uusaanii ogeeyyiin himu.

Namoota bara darbe keessa Giddugalawwan Yaala Araadaa UK (UKAT) keessatti yaalii hirkattummaa araadaa argatan sadi keessaa tokko araada hirkattummaa bilbila harkaa akka araada lammaffaatti qaba.

Daataa Maariyoos

Madda suuraa, BBC/Marios

Bara 2019 keessa namoota 10 keessaa tokko qofatu araada kanaaf saaxilamaa ture.

Giddugalichi akka himutti namoonni tokko tokko sirumaayyuu wayita gara giddugalichaa seenan bilbilasaanii akka lafa kaa'an itti himamnaan didanii yaalii araadasaanii isa ijoollee adda kutaniiru.

Garuu namni tokko araada bilila harkaa baay'isee ilaaluun qabameera kan jedhamu yoo sadarkaa maalirra gahe?

Giddugalli dandamannaa Isteeps Tugeezar (Steps Together) jedhamu Ingilaand magaalaa Seyint Heelans keessatti kan argamu yemmuu ta'u, namoota araadawwan akka qorichoota si'eessituu, alkooliifi tirgaan qabaman yaala.

Haa ta'u malee lakkoofsi namootaa bilbilasaaniirratti wantoota garagaraa ilaaluun yeroo dheeraa dabarsanfi araadichaan qabamuun deeggarsa ogeeyyii giddugala kanaa barbaadan yeroo gara yerootti dabalaa jira.

"Nama kamiyyuu miidhuu danda'a" jedhu ogeettii yaala sammuu olaantuu kan ta'an Keelii Waatsan.

"Hundi keenya bilbila qabna, neetwoorkii sammuu walfakkaataas qabna. Kanaaf baay'een keenya araadaan qabamuu dandeenya" jedhu.


Maariyoos bilbilli isaa qofummaa isatti dhaga'amu dagachuuf akka isa gargaaru dubbata.

Madda suuraa, BBC/Emma Lynch

Ibsa waa'ee suuraa, Maariyoos bilbilli isaa qofummaa isatti dhaga'amu dagachuuf akka isa gargaaru dubbata
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ogeettiin kun akka jedhanitti wayita bilbila keenyarratti ergaan nuuf ergamee ilaallu, yookiin miidiyaa hawaasaarraa odeeffannoo wayii dubbifnu keemikaalli sammuu keessaa gammachuufi kaka'umsa to'atu Doopaaminiin ni gadhiifama.

Haaluma kanaan namoonni tokko tokko fedhiin gammachuu kana argachuuf qaban akka malee dabala, fedhiisaanii kana to'achuufillee ni rakkatu. Kanaafis sa'aatiiwwaniif yookiin guyyootaaf bilbilasaanii tuttuqaa addunyaa onlaayinii keessa turu.

Ga'eessa waggaa 48 kan ta'e Jeems, giddugla Isteeps Tugeezar kan magaalaa Leesistar keessatti argamutti yaalii araadaa fudhachaa jira.

Jalqaba araada alkoolii yaalamuuf gara giddugalichaa kan deeme ga'eessi kun, hirkattummaan dijitaalaas to'annoosaatiin ol ta'uusaa kan bare osoo hinturin ture.

Jeems hojiisaa erga dhaabee booda yeroo dheeraaf miidiyaa hawaasaa ilaaluun guyyaasaa dabarsuu eegale. Fuula miidiyaa hawaasaasaarratti waa maxxanseera yoo ta'es halkan walakkaa ka'ee yaadawwan kennaman fi 'like' argate ilaala. Kanaafis akka waan addunyaa digitaalaa keessatti uggurametti akka itti dhagahamu dubbata.

Kunneen yaaliif garasaanii deeman jalqaba giddugalicha akkuma gahaniin wayita bilbilasaanii akka lafa kaa'an itti himamu akka yaadda'anfi burjaaja'an immoo Waatsan himu.


Foddaa halluu dibame darbiin gamatti mul'atu

Namoonni kun "Bilbilakoo hojiidhaafin barbaada, maatii kiyya waliin odeeffannoo waljijjiiruuf nan barbaada" akka jedhan kan himan waatsan, "Sagalee isaanii keessatti sodaa isaanii nan dhagaha. Bilbilli iddoo boqonnaa isaaniiti" jedhu.

Namoonni araada bilbila harkaan qabaman guyyoota 28 giddugala dandamannaa keessa akka turan taasifamu. Yeroo kana keessattis sagantaalee dhuunfaa fi garee irratti hirmaachisuun suuta araada isaaniin akka gargar bahan taasifama.

Haaluma kanaan yeroo iskiriinii bilbilasaanii ilaaluun dabarsan adeemsa keessa akka hir'isan taasifama, miirawwan wayita bilbilasaaniirraa fagaatan itti dhagahamanis ni sakatta'amu.

"Yemmuu jireenyi ulfaataa yookiin dhiphisaa itti fakkaatu namoonni addunyaa qabatamaarraa adda bahuuf yookiin dagachuuf bilbilasaanii ilaalu" jedhan.

Yaaddoo rakkoon kun uumaa jirurraa kan ka'e akka addunyaattis namoonni biyyoota garagaraarraa walitti dhufan mala ittiin walgargaaran mijeessuu erga eegalanii bubbuleera.

Bara 2017 keessa namoonni itti fayyadamni tekinoloojiifi intarneetiisaanii isaan yaaddesse walitti dhufuun dhaabbata walgargaarsaa 'Internet and Technology Addicts Anonymous' (ITAA) jedhamu hundeessaniiru.


Iskiriinii bi,bilaa Instagram irratti mul'achaa jiru

Madda suuraa, @personaltrainermarios

Jeeniin miseensa dhaabbata kanaa yemmuu taatu wayita araadni bilbila harkaashee hammaataa turetti guyyootaaf hiriiba dhabdee bulaa turte. Hirkattummaanshee cimaa waan tureefis nyaataaf bishaanillee haalaan fudhachaa hinturre.

"Osoon hinbeekiin yeroo dheeraa dabarsaan ture" jetti dubartiin waggaa 30 nageenyasheef jecha maqaanshee inni sirriin akka hin eeramne gaafatte kun.

Haaluma kanaan fiilmiis ta'e diraamaawwan walitti fufiinsaa akkasumas viidiyoowwan gabaabaa bilbilasheerratti dhufe callistee ilaalaa akka turte himti.

"Hanga hiriyoonni fi maatiinkoo bilbilakoo furtuun akka cufan taasisee bilbila fayyadamuu dhaabutti araada natti ta'ee akka ture hinbeekuun ture" jetti.

"Araadichi baay'ee badaadha, yoon bilbilakoorratti waa hin ilaalle kanan du'u natti fakkaata ture" jechuunis himti.

Wallaansa gareen kennamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Bifa kanaan waggoota kan dabarsite Jeeniin, dhaabbata ITAA jedhamu kana erga bartee booda tarkaanfilee 12 miseensonni dhaabbatichaa hordofan hordofte. Yeroo ammaas araadasheerraa bayyanachaa kan jirtu yemmuu ta'u, waggoota shaniif bilbilasheerratti waa tamsaastees ta'e ilaaltee hinbeektu.

Yeroo ammaatti bilbila salphaa ittiin bilbiltu fi ergaa barreeffamaa ittiin ergitu kan fayyadamtu Jeeniin, hojiif qofa intarneetii fayyadamti. "Amma itti fayyadama bilbilaakoo to'adheera" jetteerti.


Maariyoos yeroo iskiriinii/bilbilarra turu hir'isuuf GYM hojjechuu jalabe.

Madda suuraa, BBC/Emma Lynch

Ibsa waa'ee suuraa, Maariyoos yeroo iskiriinii/bilbilarra turu hir'isuuf GYM hojjechuu jalabe

Ogeettii yaala sammuu kan ta'anfi araada bilbila harkaa ilaalchisee kitaaba kan barreessan Hilda Burke, namoonni yeroo dheeraa iskiriinii bilbilasaanii ilaaluun dabarsan sababni amala kana duuba jiru maali jechuun ofgaafachuufi xiinxaluu akka qaban himu.

"Yeroo mukooftutti gara onlaayinii yookiin intarneetaa deemuurra waa hojjechuun qalbiikee fudhachuu danda'a. Hiriyaakeef bilbili, fiigicha fiigi yookinimmoo kitaaba dubbisi" jedhu.

Kana malees "miirri balleessummaa yookiin qaanii sitti dhagahamuu hinqabu. Yeroo itti aanutti akkamiin waan kana to'achuu akka dandeessu yaadi" jedhu.

Gama biraatiin dhaabbileen bilbila omishan tekinoloojiiwwan namoonni yeroo hagamii bilbilasaanii ilaaluun akka dabarsan itti hordofan kan hojjetan yemmuu ta'u, marsaa araadaa namoonni keessa seenan ittisuufis mala yeroo moosaajiiwwan tokko tokkorratti dabarsinu itti daangessuu dandeenyus qopheessaniiru.