Tiraamp yaada AI'n balaa ta'aa dhufe jedhame Chaayinaa eeruun qeeqan

Pirezidant Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraap hubannoon namtolchee (AI) balaa ta'a jechuun akeekkachiisa ogeessonni guyyootaaf kennaa turan bash godhan.

Pirezedaantichi Ayerlaand wayita daawwatanitti "dhugaa dubbachuuf namootni yaada gaarii hin taane facaasan nijiru. Isaan dhimmoota ka'uu hin qabne kaasuuniifi wantoota qabatamaan hin taane odeessaa jiru" jedhan.

Qorataan Antiroopik akeekkachiisota kenne keessaa "haalli ammaa kuni haaluma Kanaan yoo itt fufe, hundi keenya carraan du'uu keenya olaanaadha" kan jedhu keessatti argama.

Sanbata xiqqaa darbe hoggantoonni indaastirii olaanoon walgahuudhaan hubannoon namtolchee (AI) saffisni isaa akka hir'atu waamicha dhiheessan.

Tiraamp yaada isaanii kallattiidhaan ibsuu baatanis "Hubannoo Namtolcheetiin Chaayinaa dursaa jirra… dhugaa dubbachuuf namni Hubannoo namtolchee moo'ate wana hunda moo'achuu waan danda'uuf, daandii kanarra itti fufun barbaada" jedhan.

Qorataan Hubannoo Namtolchee Jaakoob Kookson BBCtti akka dubbatanitti ,ogeessonni sirna hubannoo namtolchee kana gabbisaa jiran hiree dhala namaa gara fuuladuraatiif 'Dhugumatti yaadda'aniiru' jedhan.

Dhaabbata 'Open AI' hojjetaa kan turan Kooksan, hubannoon namtolchee saffisni isaa hir'achuu akka qabu waliigalanis, qindoominni Chaayinaa waliinii garuu akka barbaachisu eeran.

Abban qabeenyaa 'xAI' ,Elon Maask akkasumas kan 'Open AI' Saam Altimaan akeekkachiisa hoji gagggeessaa Antiroopikiin kenname deeggaraniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Hoggantichi hubannon namtolchee "Carraa waan tokko guutumatti balleessuu saffisnisaa hir'achuu qaba" jedhan.

Hoji gaggeessaan Antiroopik "saffisa hir'isuu kana keessatti Chaayinaan dursitee akka hin deemne daangeffamuu qabdi" jedhan.

Yaadonni hubannoo namtolchee irratti ka'an gaggeesitoota addunyaa biratti falmii kaasuun qorumsa ta'aa jira.

Karaa tokkoon dameen kuni dandeettii guddina dinagdee guddisuuf qabuu fi adeemsota hojii yeroon isaanii darbe fooyyessuudhaaf karaa bana.

Karaa biraa ammoo hubannoon namtolchee kan ittiin dogoggore taateewwan hedduun mudataniiru.

Open AI ji'a Hagayyaa darbe keessa nageenyummaa fooyyessuuf modeelota hubannoo namtolchee olaanoo leenjise tursiisuu ibse.

Dhaabbanni ChatGPT omishe, bakka buutonni ittisawwan nageenyummaa cabsuudhaan 'Hugging Face' erga cabsanii seenaniin booda tarkaanfiiwwan haaraa aanjessaa jiraachuu hime.

Ji'uma walfakkataa keessa meeshaalee hubannoo namtolchee addunyaarratti humna guddaa qaban keessaa lama keessatti namoota haleellaa saayiberiitiin gowoomsuun ibsama namaa sobaa akka uumanis eerame.

Dhaabbanni hubannoo Namtolchee UK ergaawwan dhuunfaa Antirook Mitoos erguudhaan namoota dhugaa ofakkeessuun herreegota sobaa qopheessanii eegasiis ragaawwan dhoksuudhaan tajaajila argachuuf akka yaalame ibseera.

Bulchiinsi Doonaald Tiraap, dhimmi nageenya Biyyaalessaa olaantummaa teeknolojii idiladdunyaa eegsisuu akka qabu falmanis, sababa teeknolojii kanaatiin balaawwan uumamuu malan irratti ofeeggannoon taasifamuu akka barbaachisu amanu.

Dhuma torbee irratti gaggeesitoonni olaanoon dhaabbilee Hubannoo Namtolchee waamichi yaaddoo taasisan Waashingitanitti marii kaaseera.

Yeroo kanatti seera baastonni saffisa Hubannoo namtolchee kan ilaaleen balaawwan uumamuu malan furuuf dhiibbaan isaan mudataa jira.

Afya'ii olaanaan Paartii Rippaablikaanaa Maayik Joonson dilbata darbe gaaffiis deebii CNN waliin taasisaniin 'too'annoon Hubannoo namtolchee irratti taasifamu saffisaan akka taasifamu kan jedhu' ofeeggannoon ilaalamuu akka qabu yaadachiisan.

Kanaafimmoo akka sababaatti kan eeran "Dandeettii kalaqaa Ameerikaatti gufuu ta'uu danda'a" kan jedhudha.