KALLATTIIN, Hamaas Gaazaa keessatti hidhannoo hiikkachuuf waliigaluu ibse

Erga Pirezidanti Doonaald Tiraamp karoora nagaa Gaazaa Board of Peace jedhamu labsee booda Hamaas hidhannoo hiikkachuuf waliigaluu ibse. Dhimma kanarratti hanga yoonaa Israa'el yaada hin kennine.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gaanaan umurii xiqqaa itti pirezidaantii ta'an 35tti daangessite, bara aangoo pirezidaantummaas dheeresste

    Pirezidaantii Gaanaa

    Madda suuraa, Reuters

    Gaanaan umurii xiqqaa namni tokko pirezidantii biyyattii ta'ee itti filamu waggaa 35tti akka daanga'u murteessuu Rooyitarsi gabaase.

    Ministiirri Haqaa Gaanaa Kamisa, Adoolessa 30, akka beeksisetti kanaan dura umuriin xiqqaan namni itti pirezidaantii ta'uu danda'u waggaa 40tti kan ture yoo ta'u, seera amma dhiyaateen 35tti akka gadi bu'u ta'eera.

    Pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahaamaa bara darbe koree hundeessuun, seera duraan ture kan umuriin xiqqaan itti pirezidaantii ta'anii filaman 40 ture akka fooyya'uuf ajaja kennanii ture.

    Seerri umurii xiqqaa itti pirezidaantii ta'an kan murtaa'e heera biyyattii bara 1992 baheen yoo ta'u, amma akka fooyya'u ta'eera.

    Umurii xiqqaa gaggeessaan tokko pirezidantii ta'ee itti filamu qofa osoo hin taane barri aangoo pirezidaantiis waggaa afur irraa gara waggaa shaniitti akka guddatu godhamee jira.

    Barri aangoo pirezidaantii waggaa afur irraa gara waggaa shaniitti akka guddatu kan godhameef, mootummaan hojii karorse milkeessuuf yeroo gahaa akka argatuuf ta'uu ministeerri haqaa biyyattii ibse.

  2. Hamaas karoora Tiraamp fudhachuun hidhannoo hiikkachuutti waliigaluu ibse

    Daa'ima gamoo jijjige walakkaa jirtu

    Madda suuraa, Reuters

    Erga Pirezidanti Doonaald Tiraamp karoora nagaa Gaazaa Board of Peace jedhamu labsee booda Hamaas hidhannoo hiikkachuuf waliigaluu ibse. Dhimma kanarratti hanga yoonaa Israa'el yaada hin kennine.

    Garuu yoo loltoonni Israa'el Gaazaa gadhiisanii hin baane Tiraamp akka mufatu qondaalonni US himaniiru.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp karoorri nagaa Gaazaa- Board of Peace jedhamuu fi Hamaas fi hidhattoonni kaan akka hiikkatan gaafatu milkaa'uu ibse.

    Tiraamp akkuma Hamaas fi gareen hidhatanii Gaazaa keessa socho'an kaan hiikkataniin loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa baafamu jedhe.

    Adeemsi kun sadarkaa milkaa'inaarra ga'uu kan ibse Tiraamp ''gulantaa murteessaa Gaazaan mootummaa Filisxeem haaraadhaan buluurra geessetti ceeneerra,'' jedhe.

  3. Godaantonni kumaan lakaa’aman daangaa Ispeen cabsanii seenuu hordofee biyyaattiin humna waraanaa bobbaaste

    Waraana Ispeen

    Madda suuraa, Reuters

    Godaantonni kumaan lakkaa’aman Morookoo irraa ka’uun daangaa Ispeen humnaan cabsuun seenuu hordofee mootummaan Ispeen humna waraanaa bobbaase.

    Godaantonni kunneen oddola xiqqoo Ceuta jedhamtu Bo’oo Jibraaltaar irratti argamtutti kan qaxxaamuran yoo taatu, daangaa Morookoo waliin baay’ee walitti dhiyoodha.

    Taateen kun kan mudate Kamisa yoo ta’u, viidiyoowwan qoodamaa turanirraa akka mul’atutti, godaantonni lakkoofsaan heddu ta’an bishaan daakanii Ceuta bakka jedhamutti yeroo cehan ni mul’atu.

    Gama Morookoo irraa ka’uun oddola Ispeen kana gahuuf yeroo bishaan daakanii cehan namoonni 15 bishaanin nyaatamanii du’uun ibsame.

    Qondaalonni oddoolichaa mootummaa giddu galeessatti iyyatanis, godaantonni kumaatamaan humnaan daangaa cabsanii Ispeen seenuu dhorkuu hin dandeenye.

    Godaantonni oddoola Ispeen erga gahanii booda gara Morookotti deebifamuu akka hin qabne Manni Murtii Olaanaa Ispeen ji’a kana murteessee ture.

    Taatee amma mudate kanaaf mootummaan biyyattii kanneen seeran ala namoota daddabarsan kan komate yoo ta’u, haala naannichaa to’achuuf humna waraanaa bobbaasuu beeksise.

  4. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra.

    Hamaas hidhannoo akka hiikkatu ibseera. Kun erga Tiraamp karoora nagaa Gaazaa jechuun ibseeti.

    Dhimma kanarratti odeeffannoo jiranii fi dhimmoota Baha Giddugaleessaa kaan akkasumas odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa irra jiran karaa kanaan isin biraan geenya.

    Dhihaadhaa!