Qondaalli US Iraan mariitti deebi'uuf kadhataa jirti jechuu booda, Iraan ''kadhaan sanyii keenya keessa hin jiru'' jette
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri US Maayik Waaltiz, Pirezidant Tiraamp mariif karaa saaquuf haleellaa dhaabe jedhe.
Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo fi qondaalonni US kaan ammoo Iraan ''mariitti deebi'uuf kadhataa jirti,'' jedhan.
Haata'u malee dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Bagaayi biyyisaa dhukaasa dhaabuu US waliin marii nagaatti deebi'uuf gaaffiin dhiheessite akka hin jirre ibse.
Kanneen jaarsummaan biyyoota lameen gidduu jiran ammallee ergaa deddeebisaa jiru.
Iraan garuu guutummaatti marii dippiloomaasiitti nagaa hin dhaamne jedha qondaalli biyyattii kun.
Garuu ''Iraan Ameerikaa waliin mariitti deebi'uuf gaafataa jirti kan jedhu oduu fakkeeffamee odeeffamaa jiruudha,'' jechuun waakkate.
''Kadhaan akkasii qaccee sanyii (DNA) keenya keessa hin jiru,'' jedhe Ismaa'el Bagaayi.
Iraan ammallee Ulaa Hormuuz, daandii murteessaa daldala boba'aa addunyaa, to'attee akka jirtu himti.










