Haleellaa misaayelaa fi diroonii Raashiyaan Yukireen Kivitti raawwatteen namoonni kudhan du'an

Madda suuraa, Reuters
Humnooti Raashiyaa eda galgala haleellaa dirooniifi misaayelaa bal'aa magaalaa guddoo Yukireen Kiivitti raawwataniin yoo xiqqaate namooti kudhan lubbuu dhaban.
Yeroo haleellaan gamoowwan raasu ollaa baayyee keessaa namooti baafaman.
Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii Raashiyaan haleellaa ‘jabaaf’ qophaa’aa akka jirtu himuun akeekkachiisa dabarse ture.
Hogganaan waraanaa Kiiv namoota miidhaman keessa ‘’lakkoofsi guddaan’’ ijoollee dha jedhe.
‘’Diinni ammallee ollaa jireenyaa irratti qiyyaafachuun namoota nagaa ajjeesaa jira,’ jedhe ibsa Kamisa har’aa kenneen.
Ministeerrii Ittisaa Raashiyaa ammoo haleellaa Yukireen miilana raawwatteef deebii kennuuf bu’uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffanne jedhe.
