KALLATTIIN, Mariin US waliin taasifamu waliigalteerra gahuutti dhiyaataa jiraachuu Iraan ibsite

Waraana Iraanitti xumura gochuuf mariin US waliin taasifamu waliigalteetti dhiyaataa akka jiruufi Ulaa Hormuuz banuus kan of keessaa qabu ta'uu Iraan beeksifte.

Guduunfaa

Mariin US waliin taasifamu waliigalteerra gahuutti dhiyaataa jiraachuu Iraan ibsite

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Siwiizarlaand baay'inni uummataashee miliyeena 10 akka hin caallef karoora dhiyaaterratti sagalee kennuufi

    Alaabaa Siwizarlaand

    Madda suuraa, Getty Images

    Siwizarlaanditti baay'inni uummataa miliyeena 10 akka hin caalle gochuuf karoora qophaa'erratti sagaleen kennamuufi.

    Karoora kana paartiin biyyattii Paartii Uummata Siwiis jedhamu deeggaree jira. Paartichi akka ibsetti, kaayyoon karoora kanaa dhiibbaa mana jireenyaa argachuu, tajaajila uummataafi dhiibbaa naannorra gahu hir'isuuf akka ta'e ibse.

    Godaantonniifi baqattoonni gara Siwizarlaand dhufan lakkoofsi isaanii akka hir'atu gochuun kaayyoo ijoo lakkoofsa uummataa miliyeena 10 hin caalle gochuu kan ibse paartichi, yaadi paartichi dhiyeesse falmii kaasee jira.

    Haa ta'u garuu mootummaa Siwidiin dabalatee paartileen biroofi hawaasi daldalaafi uummanni biyyattii kaan, karoorri Paartiin Uummata Siwiis jedhamu qopheesse balaa baatee kan deemu ta'uu ibsuun morman.

    Karoorri lakkoofsa uummataa akka miliyeena 10 dabarre gochuu kun dhaabbileen tajaajila uummataa kennan kanneen akka hospitaalotaafi dhaabbileen daldalaa kanneen akka hoteelotaa fa'aa hojjattoota dhabuu akka danda'an gamanumaa yaaddoo uumee jira.

    Gama biraan ammoo karoorri paartiin biyyattii akka sagaleen irratti kennamuuf dhiyeesse kun, Siwiizarlaand miseensa Gamtaa Awurooppaa ta'uusheen, dhimmoota akka godaantotaan wal-qabatee hariiroo gamticha waliin qabdusa balaarra buusuu danda'a jedhamee sodaatama.

    Baay'inni uummata Siwiizarlaand bara 2002 miliyeena 7.3 kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa baay'ee dabaluun miliyeena 9.1 galee jira.

    Namoota biyyattii keessa jiraatan miliyeena 9 ol keessaa keessaa harka 27 kan ta'u lammiilee biyya biraati.

  2. Waraanni Ameerikaa Ulaa Homuz keessatti dirooniiwwan Iraan kuffise

    Xiyyaara waraanaa US

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni Ameerikaa dirooniiwwan Iraan haleellaa raawwatanii achumaan hafan kan Galoo Galaana Hormuz irra balali’aa turan kuffisuu isaa maddeen dhaabbata oduu Rooyitarsiif himan.

    Maddi walfakkaataan kun Rooyitarsiif akka himanitti, Waashingitan fi Tehran waliigaltee nagaa ni mallatteessu jedhamee wayita eegamutti waldhabdeen itti fufuu agarsiisa jedhan.

    Maddi maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate kun, dirooniiwwan doonii daldalaarratti balaa akka ta’an dubbateera.

    Prezidaant Doonaald Tiraamp Jimaata darbe Teehiraan diroonii furguggisuu fi dooniiwwan Ulaa Hormuz qaxxaamuruuf yaalan doorsisuun akka dhaabdu akeekkachiisuun ''haala kana to'achuu qabna, saffisaan'' jedhe.

  3. Toomas Paartee Waancaa Addunyaaf Kanaadaa akka hin seenne dhorkame

    Toomaas Paartee

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan duraanii Arsenaal lammii Gaanaa ta'e Toomaas Paartee garee biyyaalessaa waliin Kanaadaa akka hin seenne dhorkame.

    Sababni ammaoo himannaa gudeeddii irratti dhiyaatedha. Paarteen bara 2020 hanga 2022 dubartoota afur irratti yakka gudeeddii raawwateera jedhamuun himatamee ture.

    Sababa himannaa yakka gudeddii irratti dhiyaate kanaan Kanaadaa biyyashee seensisuu dhorkuurraa kan ka'e tapha jalqabaa Gaanaan Paanaamaa waliin taphatturratti Paarteen biyyasaaf hin hirmaatu.

    Toomaas Paartee garee biyyaalessaa Gaanaa waliin Kanaadaa akka hin seenne Viizaa waan dhorkameef yeroo ammaa US keessa jira.

    Himannaa yakka gudeeddii irratti dhiyaateef bara dhufu mana murtiitti kan dhiyaatu yoo ta'u, inni garuu himannaa irratti dhiyaatu kana "keessaa hin qabu" jedha.

  4. Waliigalteen waraanatti xumura godhu dhiyaataa jira jette Iraan

    Magaalaa Tehraan

    Madda suuraa, Reuters

    Marii US waliin godhamaa jiruun waliigalteen waraanatti xumura godhu dhiyaataa jiraachuu Iraan ibsite.

    Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii akka ibsanitti, marii US waliin godhamaa jiruun waliigalteerra gahuutti dhiyaataa akka jiraniifi waliigalteen kun Ulaa Hormuuz banuus kan of keessatti hammate ta'uu dubbatan.

    Abbaas Araagchii miidiyaa Iraanitti akka dubbatanitti, akkaataa waliigaltee godhamuuf deemuu kanaan US uggura galaanaa Iraanirra ni kaasti jechuun, dhimma nikularaa Iraan irratti mariin sana booda akka eegalu ibsan.

    Qoondalonni US gamasaaniin waa'ee waliigaltichaa hamma tokko ibsuun, keessumaa fayidaan diinagdee Iraan argattu itti gaafatamummaa akkaataa waliigalytichaan itti kenname bahachuu danda'uusheerratti kan hundaa'u kaasu.

    Biyyoonni lamaanuu Ebla darbe waliigaltee dhukaasa dhaaburra gahanis gudduu gidduun walitti dhukaasun quba walitti qabaa turan.

    Pirezidaan Tiraamp "Iraan marii lafarra harkisaa jirti" jechuun Roobii darbe haleeluuf erga itti kakatee booda deebisee haleellaa sana haqe.

    Halellicha karoorfame erga haqee booda Iraan waliin yeroo gabaabaa keessatti waliigalteerra akka gahamu ibse.

  5. Akkam jirtu!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleera!

    Mariin US waliin taasifamu waliigalteerra gahuutti dhiyaataa jiraachuu Iraan beeksifte. Kuni dubbii Tiraamp kaleessa "waliigaltee jala geenyerra" jedhe kan mirkaneessudha.

    Odeessaalee biyya keessafi idiladdunyaa karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok BBC Afaan Oromoo argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!