
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Taohattoota Iraan waancaa Addunyaaf qophaa'anArsenaal waggaa 22 booda waancaa Piriimer Liigii kaasa. Har'a dirree Kiristaal Paalaas, Sehurest Paark irratti gammachuu isaanii ibsatu. Waancaas fudhatu.
Taphoonni kaan ammoo kamtu Awurooppaa Liigii gala kamtu ammoo Konfirensii Awurooppaaf darba kan jedhu murteessu.
Arsenaal, maanchister Siitii fi Maanchister Yuunaayitid kallattumaan Shaampiyoonsi Liigiif darbuu warra mirkaneeffatanidha.
Astoon Viilaanis waancaa Awurooppaa Liigii mo'achuu isaan darbeera.
Garuu Aston Viilaan har'a mo'achuu fi mo'achuu dhiisuun kileboota lama moo tokkotu carraa Shaampiyoonsi Liigii dabalataa argata kan jedhu murteessa.
Barnimooz, Biraayitan, Liiverpuul carraa qabu. Kun kan tahu yoo Maan Siitiin Astoon Viilaa mo'atee, Liiverpuul ammoo Bireentfoordiin mo'atedha.
Yoo akkas tahe kileboonni Ingilizii jaha Shaampiyoonsi Liigiif darbu. Waliigalaan kileboota Ingiliziif kan eeyyamame kileboota shan ture.
Astoon Viilaan waancaa Awurooppaa Liigii mo'achuu isaatu carraa kana bane.
Barnimooz jahaffaan xumuruuf qabxii tokko argachuun isa gaha.
Cheelsiin carraa Konfirensii Awurooppaa argachuu qaba. Yoo har'a Sanderlaandiin mo'ate qofaadha. Yoo kana hin taane Sanderlaandis carraa Konfirensii Awurooppaaf darbuu qaba.