Hoganaan waliigalaa Iraan waraanni biyattii "ji'oogiraafiin osoo isa hin daangessiin" yaaddoo haleellaa kamiifiyyu deebii akka kennu ajajan

Madda suuraa, Tasnim News Agency
Hoganaan waliigalaa Iraan Mojtaabaa kamenii walga'ii ajajoota waraanaa biyyattii waliin taasisaniin yaaddoo haleellaa diina irraa dhufu kamiyyu "saffisaa fi osoo ji'oogiraafiin isa hin daangessiin" deebii akka kennu waraana biyyattiif ajaja dabarsan.
Dabalataanis, waraanni biyyattii qabeenya Ameerikaa fi Israa'el "meeshaa [mi'aa] fi kanneen qabatamoo hin taane" akka bira gahu gochuudhaaf sanadiin ibsa xiyyeeffannoowwan waraanaa akka keessa deebiyamee ilaalamuufis ajajaniiru.
Waraana Iraan isa jalqabaan kan ajjeefaman abbaa isaa Ayaatolaa Alii Kameenii bakka bu'uun hogganaa kan ta'e Mojtaabaan ifatti mul'atee hin beeku. Ajaja kana kan dabarsan ammoo waraanni waashingiteen fi Teehraan gidduutti ture erga xiqqoo qabbanaa'ee booda irra deebiyee ka'a jedhamee wayita sodaatamaa jiruttidha.
Filannoo walakkeessaa Ameerikaa guyyoota muraasaan booda gaggeeffamu keessa darbee bulchiinsi pirezidant Tiraamp Iraan irratti haleellaa gaggeessuu akka danda'u gabaasaaleen akeekan bahaniiru.
Hogganaan waliigalaa Iraan irra deebiin "haleellwwan waraanaa ykn shororkeessuu" raawwatamuu kan jalqaban taanaan, "yeroo waraanichi itti goolabamuu fi haal dureewwan" kan murteessitu Iraan akka taatu dubbataniiru.
Walga'ii ajaji kun irratti darberratti Itaamaajor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa Iraan Jeneraal alii Abdollaahii fi ajajoonni waraanaa ol aanaa akka argaman ibsameera.
Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

