Saawudii Arabiyaan Iraan doonii ishee haleeluun himatte.

Madda suuraa, Getty Images
Saawudii Arabiyaan doonii boba’aa biyyattiin qabdu, kan ulaa Hormuz keessa darbu irratti Iraan haleellaa raawwatte jechuun himatte. Haleellaa kanaanis hojjattootni doonii lama lammii Filippiinsi ta'an lama du’aniiru.
Dhaabbanni doonii mootummaa Saawudii akka jedhetti dooniin kun ulaa Hormuuz keessatti Omaan irraa gara kaabaatti meeshaalee waraanaatiin rukutame. Dooniin biraa kan Kooriyaa Kibbaaa taates yeroo wal fakkaatutti naannoo sanatt haleelamuutu gabaafame.
Iraan garuu himannaa Saawudii kana irratti hanga ammaatti deebii hin kennine.
Gareen waraanaa Iraan, dooniwwaan boba'aa lama karaa galaanaa Iraan hin hayyamnee keessa darbuu yaalanii fanjii galaana keessa awwaalameen rukutamuun ibiddi itti qabatee jedhe.
Iraan dooniwwaan sunneen karaa Ameerikaan akka ittiin darban jajjabeessite keessa darbuuf yaalanii jechuun himatte.
Haleellaan kun kan raawwatame erga Ameerikaan Iraan irratti haleellaa qilleensaa haaraa raawwatee fi Iraan immoo buufatawwan waraanaa Ameerikaa biyyoota Arabaa ollaa jiran irratti misaa’elaa fi dirooniin haaloo baate booda.
Ministeerri Fayyaa Iraan akka jedhetti, haleellaa Ameerikaa haaraa kanaan namoonni 18 du’anii, 108 madaa’aniiru. Iraan haleellaa magaalaa Siirik keessatti sirna cidha irratti raawwatameen namoota shan,daa’imman lama dabalaytee du’uu isaa ilaalchisee Ameerikaa “yakka waraanaa” raawwatte jechuun himatte.
Akka Ameerikaan jettutti, boba’aa barmeelli miliyoona 17 ta’an Wiixata keessa karaa ulaa Hormuuz geejjibamsiifamaniiru. Kunis erga waraanni Ameerikaa fi Iraan jalqabee lakkoofsa guyyaa tokko keessatti galmaa’e keessaa isa olaanaa ta’uu Ministeerri humnaa waraanaa Ameerikaa ibse.



