KALLATTIIN, Doonaald bu'uuraalee misoomaa Iraan mancaasuuf dhaadate

Iraan mariitti hin deebitu taanaan torbee dhufu bu'uuraa'ee misoomaa kanneen akka humna ibsaafi riqichawwan gurguddaa mancaasuuf Doonaald Tiraamp itti dhaadate.

Guduunfaa

Doonaald bu'uuraalee misoomaa Iraan mancaasuuf dhaadate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tapha dhumaa Waancaa Addunyaarratti yeroon boqonnaaf kennamu daqiiqaa 20-25 ta'uu akka danda'u ibsame

    Ispeen galchii lammaffaa yeroo galchitu

    Madda suuraa, Getty Images

    Tapha xumuruu Waancaa Addunyaarratti yeroon boqonnaa daqiiqaa 15 ture yoo xiqqaate gara daqiiqaa 25tti ol guddata jedhame.

    Dilbata dhufu Ingilaandifi Arjentiinaa keessaa kan mo'ate Ispeen wajjin waancaaf taphatu. Tapha xumura Waancaa Addunyaa baranaa Isteediyeemii Niwu Yeersitti gaggeeffamu kanarratti yeroon boqonnaa daqiiqaa 20-25 ni ta'a jedhamee eegama.

    Yeroo kanatti daqiiqaa 10 kan ta'uuf namoonni akka Madoonaa, Shakiiraa fa'aa sirba ni dhiyeessu jedhame.

    Akkaataa seera taphataa Boordii Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaatti, yeroon boqonnaa taphattootaa daqiiqaa 15 darbuu hin qabu.

    Bara darbe dorgommii xumuraa Club World Cup Isteediyeemidhuma Niwu Jeersii kanatti gaggeeffamerratti yeroon boqonnaa kenname 24 ture. Sababni ammoo gidduudhaan sirbitoonni gidduudhaan sirbasaanii dhiyeessuun hirmaattota bashannaniisu waan taa'eefi.

    Sirna cufiinsaa Waancaa Addunyaa kanarratti ammoo namoonni akka Toom Kiruuz, Laawuraa Pausiini, Nikool Sheerzinger, Roobii Wiiliyaams, IShowSpeed qophii akka dhiyeessan ibsameera.

  2. Iraan marii itti hin fuftu taanaan bu'uuraalee misoomaa Iraan akka mancaasu Tiraamp dhaadate

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp Iraan mariitti hin deebitu taanaan torbee dhufu buufataalee misoomaa kanneen akka humna ibsaafi riqichawwan gurguddaa akka mancaasu dubbate.

    Tiraamp kana kan dubbate af-gaaffii miidiyaa Fox News waliin taasiseen yoo ta'u, Iraan mariitti hin deebitu taanaan haleellaa cimaa buufataalee misoomaa biyyattiirratti akka gaggeeffamu nan ajaja jedhe.

    Torban kana keessa Iraanifi US guyyaa arfaffaa walitti aansuun wal-haleelaniiru.

    "Dhuguma dubbachuuf torban dhufu isaaniif hamaadha. Wiirtuwwan humna ibsaa isaanii hunda haleeluuf jenna. Mariitti hin deebi'an taanaan riqichawwan isaanii hunda ni mancaasna," jedhe.

    Tiraamp bu'uuraalee misoomaa Iraan mancaasuuf dhaadachuunsaa kun kan jalqabaa miti.

    Ji'a Eblaa keessas buufataalee humna ibsaafi riqichawwan Iraan haleeluuf itti dhaadatee turuun ni yaadatama. Kuni ammoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee hawaasa idiladdunyaarraa mormii Tiraamp irratti kaasee ture.

    Akkaataa Waliigaltee Jeneev bara 1949 mallattaa'en, bu'uuraalee misoomaa tajaajila siviliif oolan irratti haleellaa gaggeessuun yakka.

  3. Ashamaa!

    Tiraamp buufataalee misoomaa Iraan mancaasuuf itti dhaadate.

    Sana dura Iraan mariitti yoo deebiteef torban tokko kennuufii ibse.

    Biyyoonni lachuu torban tokkoo as wal-haleelutti deebi'aniiru.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa, muddama Baha Giddugalaa dabalatee, isin biraan geenya.

    Dhiyaadhaa!