'Galoon Galaanaa kana booda buufata waraanaa US hin ta'u'- Hogganaa Olaanaa Iraan

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Olaanaan Iraan Mojtaabaa Kaamenii, Israa'eliin"balaafamtuu" jedhanii, kanaa booda naannoon Galoogalaana Faarsi buufata waraanaa Ameerikaa akka hin taane beeeksisan.
Hogganaan Olaanaan kun ergaa barreeffamaan dabarsanii fi televijiinii mootummaatiin dhiyaate kanaan Israa'eliin "naannichatti dhibee balaafamtuu fi humna ajjeechaa" jechuun "baduu qabdi" jedhuu isaanii maddi oduu Iraan Tasniim gabaaseera.
Mojtaabaan erga ajjeefamuu abbaa isaanii hordofee aangoo hoggansa olaanaa dhaalanii booda hanga ammaatti ifatti uummatatti kan hin mul'anne yoo ta'u, ergaa isaanii barreeffamaan dabarsaa turaniiru.
Ergaa isaanii ammaa kanaan waraana Iraan irratti banamee booda wantoonni jijjiiramaa akka jiran kaasuun, buufanni waraana Ameerikaa biyyoota galoo bishaanichaa keessatti bakka akka hin qabaanne ibsaniiru.
Hogganaan Olaanaan kun, "akkuma yeroo gara duubatti deebisuun hin danda'amne, biyyoonni fi lafti naannichaa kanaan booda dawoo buufata waraana Ameerikaa hin ta'an" jechuun gaheen Ameerikaa naannicha keessatti akka hin jiraanne akeekaniiru.
Dabalataanis, "naannichatti buufatni waraanaa gocha hammeenyaatiif tajaajilan , akkasumas buufataaleen waraanaa dabalataa hin hundeeffaman" jedhan. "Ameerikaan guyyaa gara guyyaatti sadarkaa kanaan dura irra turte irraa gadi bu'aa jirtis" jedhaniiru.
Hogganaan Olaanaan kun waraana baatiiwwan darban keessa gaggeeffameen Ameerikaa fi Israa'el irra miidhaan guddaan akka gahe eeruun, "tarkaanfii hamaan Iraan irratti fudhatteen Israa'el dandeettii dhabuu" fi Ameerikaanis "kaballaa hamaa akka dhandhamte" ibsaniiru.








