Tiraamp hookkara dabalataa uumuurraa akka of qusatu pirezidantiin Iraan akeekkachiisan

Madda suuraa, Anadolu
Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp hookkara dabalataa uumuurraa akka of qusatu akeekkachiisan. Rakkooleen jiran marii fi waliigalteewwan wal hubannoo hojiirra oolchuun furamuu akka danda'an dubbatan.
Sagantaa Tehraanitti qophaa'erratti ''marii fi akkaataa waliigaltee wal hubannoon yoo deemne rakkoolee jiran ni furra, mirgoota keenyas ni kabachiifna,'' jechuun dubbachuusaanii miidiyaan biyyattii Mehr jedhamu gabaaseera.
''Tiraamp osoo hookkara dabalataa uumuu baatee, Israa'el ammoo jeequmsa kakaasuun osoo dubbii hammeessuu baattee, isaaniifis, biyyoota naannawa kanaafis faayidaa qaba,'' jedhan pirezidantichi.
Pirezidant Pezeshkiyaan Iraan waraana akka hin deeggarre, garuu haleellaa kamiifuu deebii gitu akka kennitu dubbatan.
''Waraana hin jaallannu, haata'u malee qaama hookkaraa fi dubbii uumu kamiyyuu dura dhaabbachuun ofirraa qolanna,'' jedhan.
Iraan rakkoolee dhalatan mariin furuuf qophii ta'uu ibsanillee, uummanni, aanga'oonni fi waraanni Iraan doorsisaa fi aggaamii kamiifuu gonkumaa harka hin kennu jedhan qondaalli Iraan kun.
Israa'el biyyoota Muslimaa qoqqooduun dantaashee galmaan ga'achuu barbaaddi jechuunis himataniiru.
Garuu aggaammiin akkasii tokkummaa hawaasa Muslimaa diinguu hin danda'u jedhan.
Pirezidant Pezeshkiyaan uummanni biyyattii tasgabbaa'uun hojii mootummaa akka tumsu dhaaman.
Diinonni Iraan dhiibbaa uumuudhaan biyyattii jilbeenfachiisuu akka hin dandeenye hubachuu qabdu jedhan.


