Traamp haleellaa Iraan hordofee Ameerikaan Ulaa Hormuuz cufuu beeksise. US Ulaa Hormuuz cufuun kan jalqabaati miti.
Ebla darbe humnoonni US dooniiwwan ulaa kana keessa darban ofirra akka deebisanii fi akka ugguran beeksisanii turan. US Iraan boba'aa gara alaatti akka hin gurgurannee fi karaa kanaan biyyattiirratti dhiibbaa gochuu feeti.
Ejensiin dhimmoota galaanarraa UN, IOM biyyattiin mirga seeraa toora imala dooniiwwanii ugguruu hijn qabdu, kun toora bishaanii idil-addunyaati jedhe.
Uggurri US buufataalee doonii Iraan irra keesse kun "doonniwwan ykn maamilootni Iraan" Ulaa Hormuz akka hin galle ykn hin baane dhorka jedhan Donaald Tiraamp.
Sana gochuufis, US baasii "nagaa fi tasgabbii" naannoo "jeequmaa" kanatti deebisu hunda baasuuf, "meeshaalee fe'iisaa hunda" irratti kaffaltii 20% akka keessu dubbataniiru.
Ji'a Eblaa kaasee uggurri US ji'oota sadiif kan ture yoo ta'u, yeroo sanatti loltoonni US yoo xiqqaate doonniwwan sagal kan qajeelfama kabajuu didan irratti dhukaasaniiru.