KALLATTIIN, Iraan Ulaa Hormuuz yeroo cuftee jirtutti US Iraanirratti haleellaa haaraa gaggeessite

Iraan Ulaa Hormuuz cufuun doonii daldalaa achirra darbaa ture haleeluu hordofee Waraanni Ameerikaa Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise.

Guduunfaa

  • Iraan Ulaa Hormuuz yeroo cuftee jirtutti US Iraanirratti haleellaa haaraa gaggeessite
  • Yugaandaatti namoonni 16 beelaan dhuman
  • Chaayinaan sababa obonbolleettii hamaa namoota miliyoona lama baqachiisuufi
  • Miseensi Kongiresii US gara Weest Baank deeme qubattoota Israa'eliin to'atamee akka ture ibse
  • Senaatarri USfi michuu cimaa Tiraamp ta'e Lindseey Girahaam du'e

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Senaatarri USfi michuu cimaa Tiraamp ta'e Lindseey Girahaam du'e

    Lindsey Graham

    Madda suuraa, Getty Images

    Senaatarri Rippaabilkaanifi michuu cimaa Tiraamp ta'e Lindiseey Girahaam ganna 71tti tasa du'e.

    Waajjirri isaa ibsa baaseen, "yeroo gabaabaaf dhukkubsachuun tasa du'e" jedhe.

    Lindiseey Girahaam bara 2002tti Kibba Karolaayinaa bakka bu'uun kan filame yoo ta'u, tarsiimoo alaa US keessatti nama sagalee guddaa qabuudha.

    Torbanuma kana gara Yukireen imaluun Pirezidaant Voloodmiir Zeleniskii wajjin erga mariyatee booda Jimaata, Adoolessa 10, deebi'ee gale.

    Osoo gara Yukireen hin deemin rrakkoo fayyaa qabaachuusaa waanti gabaafame hin turre.

    Senaatarri paartii Rippaabilikaanii kun michuu Tiraamp cimaa yoo ta'u, Israa'elis baay'ee leellisa.

    Du'asaa hordofee Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp fuula miidiyaa dhuunfaasaa Social Truth irratti gadda itti dhagahame ibseera.

    Tiraamp, "Goota dhugaa Ameerikaa!" jechuun ibse.

    Lindiseen Yukireenif deeggarsa addaa kan qabu yoo ta'u, torbanuma kana gara Kiiv imaluun akkaataa itti qoqqobbiin Raashiyaarra kaa'amurratti mariyataa ture.

    "Puutiin Yukireen [qofaa] keessatti hin dhaabbatu," jechuun kana dura dubbatee ture.

  2. Miseensi Kongiresii US gara Weest Baank deeme qubattoota Israa'eliin to'atamee akka ture ibse

    Miseensa Kongiresii US kan ta'e Roo Kaanaa

    Madda suuraa, Reuters

    Miseensi Kongiresii USfi paartii Dimokiraatotaa irraa ta'e Roo Kaanaa Weest Baankitti daawwannaa osoo taasisuu qubattoota Isra'el Weest Baank keessa jiraniin to'atamee akka ture beeksise.

    Miseensi Kongiresuu US kun sa'aatii tokko kan ta'uuf qubattoota Israa'eliin to'atamee tursiifamuu ibse.

    Roo Kaanaan jila isaa waliin Weest Baank kan yeroo heddu qubattoota Israa'eliin hacuuccaan irra gahu daawwataa osoo jiranii qubattoonni Israa'el meeshaa hidhatan itti marsanii akka qabuu maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Humni Waraana Israa'el ibsa baaseen, miseensi Kongiresii US kun qubattootaan to'atamuu akkuma dhagaheen loltootafi poolisoota erguun qubattoota harkaa baasufi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu ibse.

    Poolisonnifi loltoonni bakkicha akka gahaniin qubattoota Israa'el miseensa Kongiresiifi jilasaa ugguran bittimsuun miseensi kongiresii kun imala akka itti fufan gochuus ibsa baase keessatti beekise.

    Miseensi Kongiresii US kun gara Weest Baank imaluunsaa Israa'el qubsuma Weest Baank keessatti taasisaa jirtuufi miidhaa qaqqabaa jiru ilaaluuf ta'uu ibse.

    Weest Baank keessa "mandara qubattoonni Israa'el mancaasan keessa turre, mana baruumsaa mancaasaniiru, mandara sana balleessaniiru," jechuun osoo bakkicha dawwataa jiranuu qubattootaan to'atamuu ibse miseensi Kongiree US kuni.

  3. Chaayinaan sababa obonbolleettii hamaa namoota miliyoona lama baqachiisuufi

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Obombolleettii hamaan lafa sochoosu Chaayinaatti torbanitti si'a lama mudate

    Obombolleettii hamaan lafa sochoosu Chaayinaatti torban keessatti si'a lama mudate namootni miliyoona lama qe'ee isaanii gadhiisanii gaddhiisanii akka godaansifamaniif sababa ta'eera.

    Typhoon Bavi, kan jedhamu obonbolleettii hamaan kun hanga 1000km irra marmaara jedhame. Hanga bal'ina dachii biyya Faransaay akka jechuuti. Obombolleettiin kun jalqaba Sanbata duraa magaalaa Handaara galaanaa jirtu Taazhuu keessatti kan mudate yoo ta'u kan lammeessoo Wenzhuu keessatti halkan qixxee mudate.

    Odola fagoo Jaappaan kan taaterraa dhukkee kaasee xinniqa. Taayiwaanitti rooba cimaa kan hordofsiise yoo ta'u, fiixe kaaba Taayiwaanitti sigiga lafaa hordofsiise.

    Sigigni lafaa bubbee hamaan uume kun Filippiinsitti yoo xiqqaate namoota 17 ajjeesee ture.

    Bubbeen hamaan tirooppikii kun laaffachaa dhufus, ammalllee jiidhinsi olaanaan duumessa keessa waan jiruuf yaaddoo hamaa uumeera.

    Bubbeen kun gara kaaba lixaatti yoo deemu humni isaa dhawaata hir'achaa akka deemu tilmaameera.

    Dilbata ganama wiirtuun bubbee kanaa magaalaa kutaa bulchiinsa Zhejiang taate Hangzhou dhaqqabuu miidiyaan mootummaa Chaayinaa gabaase.

    Ogeeyyii akka jedhanitti, obomboleettiin kun Wiixata gara baha Anhuuyitti, Roobii immoo galoogalaanaa Shaandongiirraan gara Kaaba Galaana Keellootti bubbisa.

    Miidiyaan mootummaa akka gabaasetti, naannoo Zijiyaang keessatti namoonni miliyoona 1.7 ol qe'ee isaaniitiif godaansifamaniiru, naannoolee ollaa keessattis namoonni kumaatamaan lakkaa'aman biroon godaansifaman.

    Zijiyaang keessatti manneen barnootaa, hojiifi sochiiwwan alaa kan dhaabbatan yoo ta'u, balalliiwwan xiyyaaraa 400 fi tajaajilli baaburaa kurnanootaan lakkaa'aman haqamaniiru.

    Magaalaan Weenzhoo, tan ummata miliyoona 10 ta'u qabdu, toora sochii obomboleettii kanatti dhiyoo kan argamtu yoo ta'u, abboomiin taayitaa jiraattota dhibba kumaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa baasaa jiru.

    Jiraataan magaalaa sanaa Lii Liiyaangshing Rooyitarsiitti yoo himu, "Sagalee baaxii manaa fi dameewwan mukkeenii yeroo kukkufan dhagahaa turre," jedhe.

    "Dhuguma sodaannee turre," jedheera. Mootummaan Beejiing "balaarraa ooluuf" namoonni 100,000 akka gadi dhiisanii ba'an ajajuu isaa qondaaltonni ibsaniiru.

  4. Yugaandaatti namoonni 16 beelaan dhuman

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Mootummaan Yugaandaa kaaba baha biyyattii kutaa bulchiinsa Karamoojaatti torbaanota dhiyoo namoonni 16 beelaan dhumuu beeksise.

    Sababi beela kanaa hongee dheerate jedha mootummaan Yugaandaa

    Qonnaan bultoonni sababa gogiinsi hammaateen midhaan jalaa baduu himu, Eblaa kaasee hanga jalqaba bara oomishaatti roobni xiqqooma ture ykn homaa hin turre jedhu.

    Ogeeyyiin naannichi sababa jijjiirama qillleensaa, hanqina roobaa, mancaatii bosonaa, dheedumsaa, keemikaala farra ilbiisotaa hanqinni midhaan nyaataa mudachuu ibsu. Hawaasni beelaaf saaxiluu danda'a jedhu.

    Ministirri Muummee Robinaah Naabanjaa maatiin kumaatamaan lakkaawamu nyaata dhabaniiru, midhaan jalaa badeera jedhan. Waajjirri isaanii naannoo miidhametti deeggarsa dhiyeessuuf Wixata murtoo kaabinee eeggachaa jira.

    Mootummaa deeggarsa hatattamaa dhiyeessaa akka jiru dubbata.

    Boqqolloo, bisingaa fi boloqqqeen ooyruurraa manca'anii jiru

    Ogeeyyiin raagni haala qilleensaa, bu'uuraaleen jallisiin, tooftaan damdamannaa gahaan akka jiraatu gaafatu.

    Yugaandaatti iddoon rooba giddugaleessaa hanqina midhaan nyaataa hamaan miidhaman.

    Bara 022, namootaa 2,200 beelaa fi dhibee isaan wal qabatuun dhume jedha dhaabbanni mirga namoomaa mootummaa.

  5. US Iraanirratti haleellaa haaraa gaggeessite

    Doonii daldalaa Ulaa Hormuuz irratti haleelamte

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan doonii daldalaa Ulaa Hormuuz qaxxaamuru irratti haleellaa gaggeessuu hordofee US Iraanirratti haleellaa cimaa geggeessuu beeksifte.

    Gama biraan ammoo Humni Eegumsa Warraaqsaa Iraan Ulaa Hormuuz cufuusaa miidiyaaleen Iraan beeksisan.

    US haleellaa gaggeessuu hordofee sa'aatii muraasa keessatti Iraanis buufataalee waraanaa US Yordaanos, UAE, Kaataar, Kuweetifi Baahireen keessa jiran misaa'elaafi dirooniin haleeluu beeksifte.

    Jalqaba torban kanaa Iraan dooniwwan Ulaa Hormuuz keessa darban sadi irratti dhukaasa banuu hordofee US waliigalteen Iraan wajjin taasifame cabeera jechuun haleellaa eegalte.

    Ajaji Giddugaleessaa US akka beeksisetti torbanuma kana keessaa marsaa sadi Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessera.

    Qiyyaafannoowwan waraanaa Iraan irratti xiyyeeffachuun iddoowwan 140 ta'an haleeluus beeksise. Buufataalee misaa'elaa, diroonii, sirna ittisaafi qunnamtii fa'aarratti xiyyeeffachuun Iraan haleeluu ibse Ajaji Giddugalaa US.

  6. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    US Iraanirratti haleellaa gaggeessuu hordofee Tehraanis buufataalee US Baha Giddugalaa jiran haleeluun haaloo bahe jette.

    Iraan Ulaa Hormuuzis cufteetti.

    Odeessa biyya keessaafi kan idiladdunyaa isin biraan geenya.

    Dhiyaadhaa!