Israa'el akeekkachiisa Iraan diduun jiraatonni kibba Libaanos keessaa akka bahan ajajje
Humni Waraana Israa'el jiraattonni magaalaa kibba Libaanositti argamtu Xiiros [Taayir] keessaa akka bahan ajaja dabarse.
Israa'el ajaja kana dabarsuunshee erga Iraan haleellaan Libaanositti gaggeeffamu yoo itti fufe Israa'el akka haleeltu beeksistee guyyaa tokko booda.
Iraanifi Israa'el kaleessa haleellaa walirratti gaggeessan erga dhaabuu beeksisanii boodadha Israa'el Kibba Libaanositti haleellaa gaggeessuuf akeekkachiisa kan kennite.
Haleellaa Israa'eel magaalaa Beerut irratti raawwatte hordofee Iraan misaa'elaan Israa'el haleelte.
Israa'elis deebii kennuun magaalota Iraan erga haleeltee booda Tiraamp gidduu galuun dhaabsise.
Iraan haleellaa Israa'el irratti gaggeessitu yeroo dhaabdu haal-dureen isheen keesse, Israa'el Libaanositti haleellaa gaggeessuu yoo itti fufte "Israa'el irratti haleellaa laalessaa ta'e nan gaggeessa" jette.
Tiraamp kaleessa, Wiixata, biyyoonni lamaanuu hatattamaan haleellaa akka dhaaban dubbachuun matriin Iraan waliin gaggeeffamu itti fufuu beeksise.
Israa'el Kibba Libaanos keessaa jiraattonni akka bahaniif akeekkachiisa haaraa kennuu hordofee Iraan ammatti homaa hin jenne.