'Raashiyaan meeshaa haaraa fayyadamuun waraana Yukireen hin jijjiiru, deeggaruurraa duubatti nu hin deebisu' -NATO

Raashiyaan balastik misaa’elii ardii qaxxaamuru Yukireen irratti dhukaasuu yaaluun isaa kallattii haala waraana kanaa hin jijjiiru jedhe NATOn. Dubbi-himaan humna waloo kanaa Faaraah Daaklaalaah akka jedhanitti, gochi Raashiyaa kun michoonni Yukireen NATO keessa jiran Kiiv gargaaruurraa duubbatti hin deebisu.

Guduunfaa

  • Ameerikaan maaliif Yukireen misaa'ela akka dhukaastu eeyyamte?
  • Baayidan 'abiddatti boba'aa naqan' jechuun Raashiyaan mufii ibsite
  • Yeroo dheeraa booda US misaa'ela fageenya dheeraa Yukireeniif eeyyamte
  • Israa'el hogganaa miidiyaa Hezbollaa ajjeefte
  • Iloon Maask akka qoratamu senaataroonni US lama gaafatan
  • Raashiyaan haleellaa 'bal'aa' Yukireenirratti raawwatte
  • Fiigichi Guddichi Itoophiyaa Finfinneetti dorgomame
  • Toora tamsaasa kallattii isa darbe

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Biyyi meeshaa waraanaa keenyaa fakkaatu qabu hin jiru’

    Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

    Madda suuraa, Rooyitarsi

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

    Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin misaa'ela baalistikii saffisaa ‘Oreshnik’ jedhamu yaaluu ittin fufa jedhe.

    Misaa'elli Kamisa darbe dhukaafame ''haala milkaa’aan yaalameera'' kan jedhan Puutin, biyyi biraa meeshaa kana fakkaatu qabu hin jiru jedhe.

    Walgahii hoggansa waraanaafi miseensota Koree Nageenyaa waliin ta’aanirratti, ‘’yeroo doorsifamne kanatti’’ sirna misaa'ela haaraa hojjachuun murteessaadha jedhe.

    Hogganaan Raashiyaa kun misaa'elichi kan hin qolatamneedha,

    Kuusaa meeshaa waraanaa keessaamisaayila akkasii fayyadamuuf qophaa’e qabna'' jedhe.

  2. Darraatti hiriirri shorokeessummaa finxaaleyyii balaaleffatu geggeeffame-Komunikeeshinii Oromiyaa

    Jiraattota Darraa hiriira mormii gaggeessa jiran

    Madda suuraa, Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa

    Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti hiriirri gochaa shorokeessummaa Finxaaleyyii Faannoofi ABO Shanee balaaleffatu jiraattota aanichaan geggeeffamuu ibse.

    Biiroon kun ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, gareen finxaaleyyii Faannoofi ‘ABO Shanee ittiin jedhu aanichatti gochaa Shororkeesummaa raawwataniin lubbuu hawaasa nagaafi qabeenya irratti badii farra namummaafi gara jabummaa garaa garaa raawwatan hordofee hawaasni aanichaa hiriirira balaaleffannaa garee kanaa geggeessuu himeera.

    Hawaasni aanichaa hiriira kanaan gochaa gara jabinaa hawaasa nagaarratti finxaaleyyii Faannoofi ‘ABO Shaneen’ raawwatamaa jiru jedhe balaaleffachuun tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf mootummaan fudhachaa jiru kan deeggaran ta'uu ibsan jedheera Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa.

  3. Hogganaan NATO Doonaald Tiraamp waliin Ameerikaatti wal arganii mariyachuuf

    Barreessaa olaanaan NATO fi MM Nezerlaand Maark Ruuti

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Barreessaa olaanaan NATO fi MM Nezerlaand Maark Ruuti

    Barreessaa olaanaan NATO fi MM Nezerlaand Maark Ruut Pirezedantiin Ameerikaa haaraa filataman Doonaald Tiraamp waliin Filooridaatti dhimma Yukireenirratti mariyachuuf akka jiran miidiyaaleen Ameerikaa fi Nezerlaand himan.

    Tajaajilli oduu Raashiyaa Initarfaaks Waashingten Poost wabeeffachuun Ruutiifi Tiraamp wal arguu akka malan, akkaataa nageenya waaraa Mooskoo fi Kiiv giddutti buusanirratti akka mariyatan gabaase.

    Barreessaa olaanaan NATO Maark Ruutiifi Tiraamp kan waliin mariyatan Yukireen NATO waliin Kibxata Biraaselitti mariyachuuf wayita beellamatanittidha.

  4. ‘Faransaayiifi UK’n Yukireen gargaaruuf waan danda’an ni raawwatu’

    Ministira dhimma alaa UK Deevid Laamii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira dhimma alaa UK Deevid Laamii

    Ministirri dhimma alaa UK Deevid Laamii, Yukireen gargaaruufi nageenya waaraa akka argattuuf ‘Faraansaayiifi UK’n waan danda’an ni raawwatu’ jedhan.

    Vilaadmiir Puutin ammoo Ameerikaafi UK’n Yukireen gargaaranii Raashiyaa haleelchisuun, waraanicha ittuu hammeessan jechuun wayita himatanitti Laamiin kana jedhan.

    Biyyoonni lamaan garuu ‘’Raashiyaan otoo hin doorsifamiin waraanni bantee erga waraana addunyaa lammaffaati asitti waraana hamaa dachee Awurooppaatti fidde’’ jedhan.

    Kanaaf ammoo ittigaafamaan Puutin ta’uu ibsan Ameerikaa fi UK’n.

  5. Raashiyaan meeshaa haaraa fayyadamuun, NATO'n Yukireen gargaaruurraa duubatti hin deebisu

    Pirezidantii Yukireen aanga'aa NATO waliin

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan baalastik misaa’elii ardii qaxxaamuru Yukireen irratti dhukaasuu yaaluun isaa kallattii haala waraana kanaa hin jijjiiru jedhe NATO'n.

    Dubbi-himaan humna waloo kanaa Faaraah Daaklaalaah akka jedhanitti, gochi Raashiyaa kun michoonni Yukireen NATO keessa jiran Kiiv gargaaruurraa duubbatti hin deebisu.

    Raashiyaan baalastik misaa’el gargaaramuun namoota nagaa “shororkeessaa”, michoota Yukireen ammoo doorsisaa jirti jedhan dubbi-himaan NATO.

    “Meeshaa hanga kanaa ga’u fayyadamuun haala waraanichaas hin jijjiiru, NATO'n akka Yukireeniif gargaarsa hin gooneefis duubatti hin deebisu,” jedhe.

  6. Raashiyaan misaa'ela saffisa sagalee caala dachaa kudhan saffisu oomishuu beeksifte

    Misaa'ela Hayipersoonik jedhaman ( Suuran faayila irraat)

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Misaa'ela Hayipersoonik jedhaman ( Suuran faayila irraat)

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin misaa'ela balastikii haaraan Maak 10 - saffisa sagalee dachaa kudhaniin caalu kan sekondii tokkotti hanga 3km imalu yaaluu ibsan.

    Akka Raashiyaan jettutti misaa'elli haaypersoonik ta'e kun saffisa olaanaa qabaachuun dafee bakka yaadame ga'a.

    Akkasumalleeyeroon waraanni ittisaa tokko deebii itti kennuuf ykn fashaleessuuf qabu xiqqaachuun haleellaa barbaadamu raawwachuuf carraa guddaa qaba.

    Misaa’elli balistikii akka waliigalaatti daandii xiyyaa dabaa hordofee gara samiitti ol ba’uu fi haala wal walfakkaatu hordofee gara dacheetti gadi bu’a.

    Garuu akkuma gadi bu'aa deemuun saffisni isaa dabala, anniisaa sochii baay'ee qabaata. Kunis sirna ittisa misaa'ela lafa irraa gara qilleensaatti taasifamu ofirraa dhorka gara bakka irratti qiyyafametti haleeluun isaa daran misaa'ela hamaa isa taasisa.

    Kun waraana balaa misaa'elaa ittisaniif waan haaraa miti, garuu ammuma saffisni isaa dabalu qolachuuf ulfaattaa ta'a.

    Kanaafidha Pirezidaanti Puutiin gosa misaa'ela haaraa kana ifoomsuu keessatti saffisa isaa irratti xiyyeeffannoo kennuu kan hin oolle.

    Qondaaltonni Ameerikaa akka BBC’tti himanitti, sirna yaalii haaraa kana duraan beekuu fi Yukireen fi michoota isheef itti fayyadama isaa akka qophaa’an gargaaruu danda’u ibsa.

    Waldhabdeen guutuun kun erga jalqabee as Raashiyaan Yukireen irratti misaa’eloonni gara 12,000 ta’an furguggiteerti.

    Kanneen keessaa %80 kan ta'an Yukireeniin qolatameera. Garuu saffisa misaa'eloota balistikii haaraa saffisoo ta'an kun dhibbeentaa sana gadi buusuu yaaluuf kan yaadamedha.

  7. Yeroo jalqabaaf walitti aansuun tapha afur mo'amuutu akkan turu na godhe-Gaardiyoolaa

    Leenjisaa Maan Siitii, Peep Gaardiyoolaan hanga 2027 Maan Siitii turuuf murteesse

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa Maan Siitii, Peep Gaardiyoolaan hanga 2027 Maan Siitii turuuf murteesse

    Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaan walitti aansinee taphoota afur mo'amuun keenya akka kilabicha dhiisee hin baane na godheera jedhan.

    Gaardiyoolaan kontiraata haaraa waggaa lamaa Maan Siitii waliin mallatteeseera.

    Leenjisaan lammii Ispeen kun bara 2016 Maanchister Siitii gale. Waancaa Piriimer Liigii jaha dabalatee waliigalaan waancaawwan adda addaa 18 Maan Siitii waliin mo'ateera.

    Kontiraanni Peep xumura dorgommii bara kanaatti dhumata ture.

    Erga Tootenhaam, Biraayitan, Ispoortiingii fi Barnimooziin mo'amanii kilabicha keesa turuuf murteesse.

    Amma bahuu akkan hin dandeenye hubadhe. Tarii taphoota afur mo'amuun keenya sababa tahuu danda'a,'' jedhe Peep.

    ''Erga taphoota afur mo'amnee deebinee ka'uun injifachuu barbaanna. Injifannootti deebi'uun nuuf mala.''

    Gaardiyoolaan yeroo jalqabaafi haala kanaan kan mo'ame. Maan Siitii gahumsa duraan beekamutti deebisuuf akka hojjetan himaniiru.

  8. Ashamaa! Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Hordoftoota keenya, tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. odeessa biyya keessaa fi alaa isinii dhiyeessina.

    Nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii!

  9. Putiin leenca xiyyaaraan fe'anii Kooriyaa Kaabaaf kennan

    Puutiin bineeldota kana akka kennaatti Kooriyaa Kaabaaf kennan

    Madda suuraa, Russian Ministry of Natural Resources and Environment

    Ibsa waa'ee suuraa, Puutiin bineeldota kana akka kennaatti Kooriyaa Kaabaaf kennan

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin wiirtuu kunuunsa bineeldotaa Kooriyaa Kaabaaf leencaafi bineensa beer jedhamu dabalatee bineeldota 70 kennan.

    Kennaan kuni hariiroon Moskoofi Piyoongiyaang gidduu jiru yeroo kamuu caalaa cimuu isaa agarsiisa jedhameera.

    Kennaa kanas Ministira Qabeenya Uumamaa Raashiyaatu xiyyaara mi’a fe’uun gara Kooriyaa Kaabaa geessuu waajjirri isaanii Telegiraama gubbaa ibseera.

    Raashiyaafi Kooriyaan Kaabaa hariiroo jabaa qabu.

    Waraana Raashiyaan Yukireen keessa gaggeessaa jirtuuf meeshaalee waraanaafi loltuus Kooriyaa Kaabaarraa akka argattu gabaafamaa ture.

  10. Muuziin pilaastariin keenyan irratti maxxane doolaara miiliyoona 6.2 gurgurame

    Muuzii pilaastariin keenya irratti maxxane

    Madda suuraa, Courtesy Sotheby's

    Hojiin artii Maaworiziyoo Kaatelaan muuzii pilaastariin keenyan irratti maxxanee Niiw Yoork mana caalbaasii Soozbayitti doolaara miiliyoona 6.2 gurguramuun galii gurgurtaa bara darbee dachaa afuriin caalu argamsiise.

    Dhaabbanni caal-baasii hojjetaan kiriiptookaransii Chaayinaa Jaastiin Saan dorgomtoota ja'a mo'achuun hojii aartii 'komeedii' lammii Xaaliyaanii kansaa godhateera jedhe.

    ''Guyyoota dhufanitti muuxannoo aartiif jecha muuzii kana ofiin nyaadha,'' jechuun dubbateera.

    Muuziin pilaastariin keenyan irratti maxxanfame kuni kuduraa gatii qaaliin gurgurame dha.

    Akka gaazexaan Niiw Yoork Taayimis jedhutti guyyaa tokko dura doolaara 0.35 ture kan bitame.

  11. MM Israa’eliifi komaandara Hamaas irratti ajaji hidhaa bahe

    Netaaniyaahuu, Gaalaant fi Mohaammad Deef

    Madda suuraa, EPA / Reuters / Supplied

    Ibsa waa'ee suuraa, Netaaniyaahuu, Gaalaant fi Mohaammad Deef

    Abbootiin seeraa Mana Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa (ICC) Ministira Muummee Israa'el, ministira waraanaa duraanii biyyattii Yo'aav Gaalaant akkasumas komaandara waraanaa Hamaas irratti yakka waraanaa raawwataniru jechuun ajaja hidhaa irratti baasan.

    Ibsi bahe murtoo dhaddachi kuni fudhatu irratti ministirri muummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu gaaffii dhiyeessan kuffisuun Yo'aav Gaalaant irrattis ajaja hidhaa baase.

    Waraanni Israa'el haleellaa qilleensarraan ajjeefameera haa jedhuyyuu malee ajajni kuni hogganaa waraanaa Hamaasa Mohaammad Deef irrattis baheera.

    Danyooti dhaddacha kanaa namoonni kunneen ''gaafatamumma yakkaa'' qabaachuu isaaniif ''sababni qabatamaan jira,'' jedhan.

    Yeroo waraanni Hamaasiifi Israa'el geggeefamaa jirutti yakkaa waraanaa raawwataniiru jedha. Qaamoti lameen himannaa irratti ka'u ni waakkatu.

    Ajaja kana hojiirra oolchuun ittigaafatamummaa biyyoota 124 miseensa dhaaba kanaa tahanii yoo tahu Ameerikaafi Israa'el miseensa miti.

  12. Baalastik misaa’el ardii qaxxaamuru maalii?

    Balastik misaa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Baalastik misaa’eliin meeshaa waraanaa guddaa bakka irraa dhukaafamerraa kaasee kiiloomeetira kumaatamana lakkaa’aman fagaatee imaluu danda’a.

    Baalastik misaa’el gosa afuritu jiru – fageenya gabaabaa, fageenya giddu-galeessa, fageenya walakkaafi fageenya dheeraa deeman.

    Baalastik misaa’el ardii qaxxaamuru (ICBMs) – fageenya dheeraa deemuu danda’uu kiiloomeetira 5,500 ol qaqqaba.

    Kana jechuun ICBMs addunyaarratti bakka barbaadame rukutuu danda’a.

    ICBM meeshaalee waraanaa baramoo ta’an deddeebisuu ni danda’a, akkasumas baaruda niwukilaraas baachuu danda’a.

    Jalqaba yeroo ka’u humna rookkeetiin yoo ta’u, boodarra gara bakka irratti xiyyeeffate qaqqabuuf humna osoo hin barbaachisiin qaxxaamura deema.

    Baalastik misaa’eliin kiruuz misaa’eliirraa addadha. Kiruuz misaa’el fagoo deemuudhaaf jalqabaa hanga dhumaatti akkuma xiyyaaraa waan motora jeettii fakkaatu fayyadama.

  13. Raashiyaan baalistiki misaa'eloota itti dhukaasu Yukireen beeksiste

    Hojjattoonni yeroo balaa ibiddaa gamoo mana jireenyaatti haleellaa misaayilaan qabate dhaamsuuf yaalaa jiru

    Madda suuraa, State Emergency Service of Ukraine

    Ibsa waa'ee suuraa, Hojjattoonni yeroo balaa ibiddaa gamoo mana jireenyaatti haleellaa misaayilaan qabate dhaamsuuf yaalaa jiru

    Humni qilleensaa Yukireen akka ibsetti, Raashiyaan balaastik misaa'el ardii qaaxxamuran ICBM ganama kana naannoo Astirkaan jedhamurraa itti dhukaasuu ibse.

    Humni qilleensaa Yukireen akka himetti, haleellan misaaelootaa gargaaraa raawwatame sun Diniproo irratti xiyyeefate.

    Raashiyaan waraana keessatti yeroo jalqabaatiif misaayila fageenya dheeraa imalu ICBM Yukireenitti dhukaaste.

    Misaa'eloonni kunneen kilomeetira kumaatamaan lakkaa’amu imalu. Waraanni Yukireen misyaalota kiruus Kh-101 jedhaman ofirraa qolachuu ibsan.

    Haleellaan kun qaqqabe Ameerikaan misaayila fageenya dheeraa furguggifamu ATACMS jedhamu Yukireen akka gargaara erga eeyyamtee guyyoota muraasa booda raawwatame.

    Yukireen jalqaba torban kanaatti buufata waraanaa Raashiyaa ittiin haleelte.

  14. Yukireenitti yoo xiqqaate haleellaa misaayilaatiin namoonni 15 mada’aan

    Haleellaa misaayila booda ibidda manatti qabate

    Madda suuraa, ,State Emergency Service of Ukrain

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa misaayila booda ibidda manatti qabate

    Bulchaan Dinipiroopertiroviksii Serihii Liysaak akka himanitti namoonni 15 Kirikiiv Rhittii ganama kana mada’aaniru.

    Ijoollee ol adeemoon lama namoota miidhaman keessaa jiru.

    Gama biraatiin Raashiyaan misaayiloota Istoorm Shaadow jedhaman ofirra qolachuu beeksiste.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa misaayiloota UK’n oomishte Istoorm Shaadow jedhan lama ofirraa qolachuu ibse.

  15. Raashiyaan misaa'ela baalistikaa ardii qaxxaamuru Yukireenitti dhukaaste

    Balastik misaa'el

    Madda suuraa, Reuters

    Raashiyaan misaa'ela baalistikaa ardii qaxxaamuru Yukireenitti dhukasuu humni qilleensaa Yukireen ibse.

    Mooskoon meeshaa akka kanaa waraana kana keessatti yeroo gargaaramtu kun isa jalqabaati.

    Ibsi Yukireen baasteeen misaa'ela baalistikaa ardii qaxxaamuru Raashiyaan isheetti dhukaaste kun maalirratti xiyyeeffateefi miidhaa akkamii akka qaqqabsiise hin ibsine.

    Misaa'ela baalistikaa fayyadamuushee ilaalchisee Raashiyaan yaada hin kennine.

    Dubbi-himaan Kireemiliin Dimiitirii Peskoov gabaasa Raashiyaan ganama kana misaa'ela baalistikaa ardii qaxxaamuru (ICBM) dhukaasteetti jedhurratti yaada kennuu didaniiru.

  16. Yukireen misaa'ela UK fayyadamuu BBC'n mirkaneesse

    Yukireen yeroo jalqabaaf misaa’elii 'Storm Shadow' jedhamaniifi UK'tti hojjetaman yeroo jalqabaaf daangaa Raashiyaatti dhukaasuu BBC'n mirkaneesse.

    Mootummaan UK dhimma kanarratti ifatti odeeffannoo hin kennine.

    Ministirri Ittisaa UK, Joon Hiilii ‘’sochiin Yukireen dirree waraanaarratti taasiftu ofumaa ni dubbata,’’ jedhan.

  17. Kanneen saala geeddaratan mana fincaanii dubartii akka hin fayyadamne gaafatame

    Dubartii Koongireesii Naansii Mees

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii Koongireesii Naansii Mees

    Dubartiin kongireesii Ameerikaa kanneen saala gara dhiiraatti geeddaratan (transgender) mana fincaanii dubartootaa gamoo US Kaappitaal akka hin fayyadamne wiixinee seeraa dhorku dhiyeessan.

    Kunis namni saala geeddarate tokko Mana Maree Bakka bu'oota uummataatti filatamuun booda dha.

    Gaafa Kibxataa dubartiin Kibba Kaarolaayinaa, Naansii Mees seerri wixinee dhiyeessan filatamuu Saaraa Maabiriid, Amajji darbe kakuu raawwatte ''sirriitti ilaallata,'' jedhan.

    Saaraan tarkaanfii dubartii kongireessii kanaa ''yaalii fiinxaaleyyiin rakkoo qabatamaa Ameerikaaf fala hin qabne qalbii hatuuf taasisani dha,'' jedhaniiru.

    Donaald Tiraamp yeroo duula filannoo isa dhumaa adeemsisan ''maraattummaa warra saala geeddaratan kanaa manneen barumsaa keenya keessaa baasna, dhiirotas ispoortii dubartoota keessaa baasna,'' jedhan.

  18. Ajajaan poolisii Jihaadistii yakka waraanaan hidhaa buufame

    Hasan yeroo murtiin darbu fuula isaarratti miirri addaa hin mul'anne

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Hasan yeroo murtiin darbu fuula isaarratti miirri addaa hin mul'anne

    Manni Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa (ICC) ajajaa duraanii poolisii Islaamaa Maalii keessatti yakka waraanaa raawwate jedhe waggaa 10 itti mure.

    Abbootiin alangee akka jedhanitti al-Hasan Abdul Aziz ag Mohaammad ag Maahimud magaalaa Timbuktuu keessa gocha ‘’shoroorkaa’’ gaggeessaa ture.

    Dararaa, namoonni gajaraan akka ajjeefamaniifi uleen reebaman taasisuun yakkamaa ta’e.

    Hasan himannaawwan gudeeddiifi garbummaa saal-qunnamtii keessa qooda fudhachuufi hambaalee Timbuktuu miidhuurraa bilisa ta’eera.

    Murteen kuni Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa Nezarlaandis keessatti murtaa’e.

  19. Dahoowwan magaalaa guddoo Yukireen sodaa haleellaa Raashiyaan dhiphatan

    Jiraattota Kiiv

    Madda suuraa, Reuters

    Ganama har'aa qabee ''haleellaan akkaan jabaa tahe'' akka jiraatuu maluufi embaasiiwwan biyyoota gargaraa cufamuu bal'inaan miidiyaalee hawaasaa irratti gabaafamaa ture.

    Embaasiin Amerikaa waggaa kana kabaja waggaa haaraa fi Guyyaa Bilisummaa Yukireen ilaalchisee al lama caalaa akeekkachiisa baaseera.

    Kunis haleellaawwan Raashiyaan bara kana raawwatte keessaa yoo tahu, Adoolessa keessa hospitaala daa'imman Kiiv keessa jiru barbadeessiteetti.

    Haleellaan diroonii Raashiyaa Kiiv fi magaalawwan biroo keessatti waan baramaa taheera.

    Haleellaa kanaan namoonni mana isaanii keessatti ajjeefamaa jiru.

    Qondaalonni Yukireen Raashiyaan oppireeshinii waraanaa xiinsammuu gaggeessa jirti jedhan.

    Akkuma haleellaa guyyaa kaanii Raashiyaan raawwattuu dahoo keessatti akka dheessan gorsaniiru.

    Sagaleen akeekkachiisaa konkolaataarraa waaree booda yoo dhagahamu dahoon hoteela guddaa keessa ture akkaan dhiphatee ture.

  20. Misaa'eloonni 'Storm Shadow' Yukireen dhukaaste jedhaman maali?

    UKn misaa'eloota dheeriina fagoo imalaniifi Storm Shadow jedhaman Yukireeniif kenniteetti

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, UKn misaa'eloota dheeriina fagoo imalaniifi Storm Shadow jedhaman Yukireeniif kenniteetti

    Storm Shadow'n Kiruus misaa'el Anglo-French kan ta'eefi fageenya dheeraa gara naannoo kiilomeetira 250 (maayilsii 155) furgugfamuu kan danda'udha.

    Misaa'eliin kun xiyyaara irraa kan furguggifamu yoo ta'u sana booda, saffisa sagalee fakkaatuun balali'uun fageenya imaluun bakka itti xiyyeeffate qaqqabuun dhoo'insa ol'aanaa uma.