MM UK Kiir Istaarmar aangoo gadhiisuu beeksise

Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam (UK) Kiir Istaarmar aangoo ministira muummeefi dursaa Paartii Labarii gadhiisuu beeksie. Istaarmar yeroo aangoorra turetti murteen inni taasisaa ture “biyyan jaalladhuuf dursa kennuu ture” jedheera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Iraan to'attootni nukilarii akka biyyashee seenan ni heyyamti' - JD Vaans

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Iraan to'attootni nukilarii akka biyyashee seenan ni heyyamti'

    Pirezdantii Itti Aanaan US JD Vaans Iraan to'attoonni nukilarii biyyashee akka seenan waliigaluu ibsan.

    Dhimmi kun immoo ajandaa ijoo hawaasa idil-addunyaati kan jedhan Vaans, marii Ejensii Intarnaashinal Atomik Inarjii waliin har'umaa kaasee akka eegalamus waliigaluu ibsan.

    Marii marsaa duraa Iraanii fi US jidduutti godhameen jijjiiramni olaanaan mul'achuu yaada bakka bu'oota jaarsummaan hirmaatanii irra deebi'an.

    Gareen lamaan Ulaan Hormuuz deebi'ee akka banamuu fi "walitti bu'iinsi naannichaa akka dhaabbatu" mari'achuu himan.

    Waliigalteen wal hubannoo torbee darbe mallattaayes Ulaa Hormuuz banuu fi Libaanos dabalatee "adda hundumaa" walwaraansa dhaabuu hammata.

    Waliigaltee waloo qaamoleen jaarsummaan hirmaatan Paakistaanii fi Qaataar Wixata gadhiisaniin Iraanii fi US "karoora guyyoota 60 keessatti waliigaltee dhumaarra gahuu" ibsan.

    Vaans marii miilanaa waliigaltee waarawaa gara fuulduraaf" bu'uura baay'ee gaarii kan kaaye" jechuun ibsan.

    Wixata ganama Siwiizerlaandirraa yaada kennaniin, dhimmi nukilarii "dhimma akka Ameerikaatti itti gammadne" jedhan

    "[Kun] Ameerikaanotaaf dhimma bu'uuraa guddaa fi tarkaanfii jalqabaa murteessaa dha... sagantaa nukilarii Iraan dhaabuun Iraaan," jedhan.

    Iraan yeroo dheeraaf sagantaa nukilaraa ishee dhimma siviiliif qofa akka barbaaddu ibsaa turte.

  2. Lammiilee biyyoota alaa ukkaamsuun birrii mil. 15-30 kan gaafatan lammiileen Paakistaan sadi to'ataman

    -

    Madda suuraa, Addis Ababa Police/Facebook

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammiilee alaa daawwannaaf dhufan ukkaamsuun birrii miliyoona 15 kan gaafatan lammiileen Paakistaan sadi to'ataman

    Lammiilee biyyoota alaa daawwannaaf Itoophiyaa dhufan ukkaamsuun birrii miliyoona 15 kan gaafatan lammiileen Paakistaan sadi to'atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

    Shakkamtoonni lammiilee Paakistaan Zishaan Kaaliid, Firiiz Mohaammadii fi Mahammad Janaayid jedhaman gochaa yakkaa kana kan raawwatan A.L.I'tti Waxabajjii 04 fi 11 bara 2018 magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa aanaa 09 iddoo addaa Gooroo Mandara Atileetotaa jedhamutti.

    "Shakkamtoonni mana kireeffatan keessatti namoota lammummaa Hindii fi Baangilaadesh qaban ukkaamsuun qabatanii midhamtoota funyoodhaan hidhuun pilaastariidhaan ukkaamsanii birrii miliyoona 15 hanga miliyoona 30 gaafachuun haleellaa irratti raawwatan" jedha ibsi Poolisii Finfinnee.

    Kana malees shakkamtoonni Waxabajjii 11, 2018 lammiilee Hindiii daawwannaaf Itoophiyaa seenan 4 hidhuu fi reebuun Ruuppii Hindii kuma 15 - 25 ergisiisaa jechuun reebicha irratti raawwachuu miidhamtoonni jecha isaanii poolisiif kennaniin dubbachuu eera ibsi kun jedha.

    Odeessa gocha yakka kanaa kan dhagahe Qajeelchi Olaanaan Poolisii Lammii Kuraa ajaja mana murtii fi sakatta'iinsaa baasuun oppireeshinii gaggeesse.

    Meeshaalee yakkaaf shakkamtoonni dhimma itti bahaa turan haaduu, funyoo fi pilaastarii fi maallaqoonni bioyyoota alaa to'atamnii jiru.

    Jiraattonni naannichaa shakkamtoonni akka qabaman eeruu akka kennan galateeffachuun ibseera Poolisiin magaalaa Finfinnee.

  3. Namoonni mana amantiirratti saamichaa fi miidhaa raawwachuun shakkaman to'ataman

    Poolisiin Finfinnee garee namoota 21 of keessaa qabu saamicha raawwachuun shakke to'achuu ibse

    Madda suuraa, Addis Ababa Police

    Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin Finfinnee garee namoota 21 of keessaa qabu saamicha raawwachuun shakke to'achuu ibse

    Poolisiin magaalaa Finfinnee akka ibsetti gochi kun ALI Waxabajjii 13, 2018 galgala sa'atii 12:00 irratti mudachuu ibse.

    Ibsi poolisii kun bakka rakkoon kun itti mudate wayita ibsu ''Bulchiinsa magaalaa Lammii Kuraa, Aanaa 3 bakka addaa Ayaat 49 Kondomiiniyemii lakkoofsa 2 jedhamutti,'' ta'uu eere.

    Bulchiinsi magaalichaa lafa duwwaa bakka eerame kanatti argamu Mana Amantii Bakka Bu'oota Waaqayyoo Idiladdunyaa jedhamuuf kennuu kan ibse poolisiin, manni amantaa kunis mana jaaree tajaajila kennuu eegaleera jedhe.

    Jiraattonni kondoominiyemii 21 ta'an gareedhaan ijaaramuun bakkicha kan keenya jechuun mooraa mana amantichaa cabsanii erga seenanii booda birrii miiliyoona 10 fi kuma 100 fi kuma 32 saamuun, mancaatiis qaqqabsiisan jedhe.

    Qajeelchi poolisii bulchiinsa magaalaa Lammii Kuraa erga gocha kana dhagahee booda, kanneen gocha kana raawwatan naannoo sanaa miliqanillee, bakkasaan jiranitti to'atee yeroo ammaa qorannoon irratti gaggeeffamaa jira jedhe Poolisiin Finfinnee.

    Qajeelchi poolisii magaalaa Finfinnee namoota gocha kana raawwachuun shakkaman kunneen irratti himati kan banamu ta'uu ibsuun, fuuldurattis uummanni gocha akkanaarraa akka of qusatu dhaameera.

  4. Ministirri haqaa duraanii Keeniyaa Yugaandaa akka seenne ugguramte

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Maartaa Kaaruwaa

    Ministirri haqaa duraanii Keeniyaa Maartaa Kaaruwaa Yugaandaa akka seenne ugguramuun gara biyyaa deebifamuuf akka jirtu Waldaan Ogeeyyii Seeraa Yugaandaa hime.

    Kaaruwaan waahila ishee ogeessa seeraa biyya Yugaandaa Erias Lukwago kan dhimma maamila isaanii hoggana mormituu Kizza Besigye, waliin falmitutti dabalamuuf jecha, buufata xiyyaaraa Entebbe geessee wayita turtetti ofirra deebifamte.

    Kizza Besigye, himata biyya ganuutiin himatame. Eriyaas Lukwaagoo mataansaa ofii isaas torban darbe himannaa biyya ganuutiin wal-qabatuun himatame yoo ta’u, dhaddachi wabiidhaan ittiin baha jedhamu Wiixata har’aa jedhamee eegamaa ture.

    Ibsi waajjira Kaaruwaa irraa bahe akka agarsiisutti, isheen buufata xiyyaaraa keessatti kan ugguramte yoo ta’u, Wiixata har’aa gara magaalaa Naayiroobiitti ni deebiti jedhamee kan eegamu ta’us, "ammatti qunnamtiidhaan ala" jirti.

    "Tuutni ishee olaanaan akka gabaasetti, isheen qunnamamuu kan hin danda'amne ta’uu fi bilbilli harkaa ishee yeroodhaaf cufamee akka jiruu fi haala ishee fi deebii ishee eegamaa jira" jedha ibsichi.

    Aangawoonni Yugaandaa sababa Kaaruwaa itti dhoorgan hin ibsine; ta’us, Pirezidantiin Waldaa Ogeeyyii Seeraa Keeniyaa Chaarlis Kanjaamaa kan ishee waliin imale biyyattii akka seenu hayyamameefiira.

    Kanjaamaan "sababa adda ta'eef" Kaaruwaan ugguramuu himee, isheen garuu "akkuma ogeettii seeraatti" gara imalte jedhe.

    "Miseensa abukaatoo tokkoof heeyyamanii kaan maaliif akka ugguran ifa miti," jechuun aangawoonni Yugaandaa sababa isaa akka ibsan gaafate.

    Aangawoonni immigireeshinii Yugaandaa dhimma kanarratti yaada akka kennaniif BBC'n gaafatus deebii hin arganne.

    -

    Madda suuraa, Uganda Law Society/X

    Ibsa waa'ee suuraa, Chaarles Kaanjamaa akka Yugaandaa seenu heyyamameef
  5. Awustiraaliyaan kokeenii dolaara miliyeena 570 ol baasu ulaa lafa jalaa keessaa to'adhe jette

    Kokeenii to'annaa jala oole

    Madda suuraa, Australian Federal Police

    Poolisiin Awustiraaliyaa qoricha sammuu adoochu, kokeenii hangisaa guddaa ta'e to'achuu beeksise.

    Qorichi sammuu adoochu kun toonii 2.7 yoo ta'u, dolaara Ameerikaa miliyeena 570 ol kan baasudha jedhe poolisiin biyyattii.

    Kana dura biyyattii keessatti kokeeniin hangana gahu to'atamee kan hin beekne yoo ta',u, ulaa lafaa jalaa keessa dhokfamee argamuu ibse.

    Namoonni lama shakkaman osoo poolisii jalaa miliquuf yaalanii to'atamuunis ibsameera.

    Poolisiin biyyattii oppireeshinii gaggeessuun kokeenii guddaa ta'e to'achuu kan danda'e, kokeeniin kg 40 ta'u bishaanirra osoo bololi'uu erga argee booda ta'uu ibse.

    Namoonni biroo qoricha sammuu adoochan gara biyyattii galchuun shakkaman jaha bulchiinsa Quwiinsilaand fi Niwu Saawuz Weels keessaa to'annoo jala oolfamuus ibe poolosiin Awustiraaliyaa.

  6. Uummanni ministirri mummee irratti 'wal furuu kana nuffe'- Hogganaa Paartii

    Eed Deevii

    Madda suuraa, Getty Images

    Hogganaan Paartii Demookiraatii Eed Deevii uummatni ministarri mummee irratti wal furuu ''nuffe'' jechuun aangoorraa bu'uu Istaamar hordofee dubbate.

    ''Uummatni Biriitiish ministirri mummee irratti wal furuun homaa jijjirama hin fidne,'' jechuun Deeviin X irratti barreesse.

    ''Miilanni adda tahuu qaba. Namuma waajira mootummaatt jijjiiramee dhufu tahuu hin qabu. Siyaasa keenya cabe jijjiiruun, biyya keenya qajeelchuu qabna,'' jedhe.

  7. MM UK Kiir Istaarmar aangoo gadhiisuu duuba maaltu jira?

    Kiir Istaarmar haadha warraa isaa waliin

    Madda suuraa, PM Media

    Bakka waajirri ministira muummee itti argamu Daawuning Istiriit irraa ibsa kan kenneen Kiir Istaarmar, gara ministira muummeetti dhufuun isaa “taatee jireenya koo keessatti itti boonudha” jedhe.

    Istaamar haadha warraasaa waliin ta’uun ibsa kenne kanarratti namoonni baayyeen harka rukkutuun deeggarsa qabaniif ibsaniiru.

    Torban darbe Andii Barnihaam filannoo tureen Gireet Maanchester irraa mo’achuun hogganaa Labar Paartii ta’uun Istaarmar dura akka dhaabbatuuf karaa baneeraaf.

    Istaarmar gara siyaasaatti kan galeef jireenya ummataa miliyoonaan lakkaa’amu jijjiiruuf akka ture beeksiseera.

    Adoolessa 2024 akkuma Labar Paartiin gara aangootti dhufeen haasaa taasiseen kana jedhee ture.

    Bu’aa filannoo torban darbee hordofee MM UK Kiir Istaarmar, Andii Barnihaam karaa akka mijeessuuf ministeerota isaarraa dhiibbaan isa mudateera.

  8. Istaamar ministira mummee ittaanee dhufu akka deeggaru hime

    Kiir Istaamar

    Madda suuraa, PA Media

    Kiir Istaamar wal-harkaa fuudhinsi aangoo seera eeggate akka jiraatuufi nama ittaanee dhufuuf deeggarsa guutuu akka kennu hime

    Namni ittaanee dhufu Biriiteen waggaa lama dura turterraa jabduufi haqaan bultu akka fudhatu beeka jedhe

    Istaamar dabaluunis waggoota jahan darbaniif isa deeggaraniifi hojjettoota siviilii galateeffateera.

  9. Daawwadhaa: Miidiyaan ibsa MM UK Istaarmar kennu yeroo eeggachaa turan

    Daawwadhaa: Miidiyaan ibsa MM UK Istaarmar aangoo isaa gadhiisuu itti ibse kennuuf wayta jedhetti yeroo eeggachaa turan

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Miidiyaan ibsa MM UK Istaarmar kennu yeroo eeggachaa turan
  10. Amma nu gahe, Ministirri Mummee UK Kiir Istaamar aangoo gadhiisuu beeksise

    Kiir Istaamar

    Madda suuraa, PA Media

    Minsitirri Mummee UK Kiir Istaarmar hoggantummaa paartii isaanii 'Leebar Paartii' irraa ka'uu beeksise.

    Istaamar gaaffii paartiin isaanii filannoo dhufuuf gahumsa qabaachuusaanii gaafachaa akka jiran himan.

    Dhimma kanarratti ''deebii kenname'' dhagaheera jechuun ''waan jedhames kabajaan fudheera,'' jedhan.

    Murtoon fudhatan hundi ''biyya jaaladhuuf dursa kennuun'' akka tahe himan.

    Haala kanaan ''hoggantummaa paartisaanirraa gadhiisuu'' beeksisan

  11. Iraan qoqqobbiin boba'aa irra ture irraa ka'uu beeksiste

    Dubartii bibila qabattee jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araagchii ''daldala alaa boba'aafi peetirookeemikaala irratti dhorkaan ture kaafamuu,'' dubbatan.

    Daldalli Peetrookeemikaalaa boba'aa jikitaafi gaazii uumamaa irraa argamu irratti dhorkaan kaa'ame ka'uusaa dabalataan karaan darbaa galaanarraa dhorkaan ture ka'uus himaniiru.

    Dabalataan, ''qabeenyi Iraan muraasni qoqqobbiin irra kaa'amee ture gadhiifamuu,'' himaniiru.

    Qoqqoobbiin ka'uun diinagdee Iraan deebisanii ijaaruu irratti akka deeggaru ministarichi erga X irratti barreessaniin himaniiru.

    ''Waraanni Libaanos akka dhaabbatu,'' jilli Qataariifi Paakistaan gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.

    Iraan fi Ameerikaa sanadni irratti waliigalan keewwati 1,10 fi 11 tarkaanfii kanaaf bu'ura akka tahe himan.

    Keewwata 1- Ameerikaa, Iraan fi michootishee dirree waraana hunda irratti ''hatattamaaniifi bifa waarawwa'' taheen dhukaasa dhaabu jedha.

    Keewwata 10- Waashingitan alergii boba'aa fi omisha peetirooliyeemiif eeyyama akka keenituufi kunis baankiifi geejiba fa'a irratti akka hojiirra oolu ibsa.

    Keewwata 11- Qabeenya Iraan qoqqobbiin irra kaa'ame ilaallata.

  12. Waranni Israa'el Libaanos bakkeewwan muraasa keessaa bahuufi - Gabaasa

    Loltoota Israa'el

    Waliigaltee US-Iraan hordofee Israa'el waraanashee Libaanos bakkeewwan muraasa keessaa baasuufi jechuun miidiyaan Israa'el Haaretz gabaase.

    Akka gabaasa kanaatti Israa'elifi Libaanos torbee dhufu wal-arguun akkaataa itti Isaa'el bakkeewwan muraasa keessaa baaturratti ni mariiyatu.

    Israa'el guutummaa Libaanos keessaa akka hin baane, haleellaa Hezbollaarraa of ittisuuf jecha naannoo nageenyaa [Security Zone] hundeessuun akka turtu beeksifteetti.

    Haa ta'u malee bakkeewwan muraasa keessaa yeroo baatu, bakka baatus sana Humna Waraanaa Libaanositti kennuun akka baatus ibsame.

    Iraan waliigaltee US waliin taasisteen Israa'el Libaanos keessatti haleellaa gaggeessitu akka dhaabdu gaafachuurraa kan ka'e US itti waliigalteetti.

    Israa'el guutummaan Libaanos keessaa akka baatus Iraan gaafataa jirti, Israa'el ammoo waraanashee akka hin baasne Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu irra deddeebin ibseera.

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo erga waliif mallatteessanii as guyyaa kaleessaa Siwizarlaanditti marii taasisaniin, Libaanos keessatti lolli maricha danqu kamuu akka hin gaggeeffamne waliigalaniiru.

  13. Mariin Ameerikaafi Iraan marsaa miilanaa ‘haala gaariin xumurame’

    Af yaa'ii paarlaamaa Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Mariin marsaa jalqabaa Ameerikaafi Iraan waliigaltee dhumaarra gahuuf jaarsummaa Qataariifi Paakistaanin Dilbata kaleessaa geggeeffamaa ture ‘’haala gaariin xumurame’’ jedhan mariisiftoonni.

    Mariin Dilbata kaleessaa Siwiizarlaanditti adeemsifame kuni biyyooti lameen waliigaltee duraa mallatteessuun booda isa jalqabaati.

    Mariisiftoonni Qataariifi Paakistaan ibsa waloo Wiixata kennaniin ‘’koreen sadarkaa olaanaa guyyaa 60 keessatti waliigalteerra akka gahamuuf qajeeltoo qopheessuuf waliigaleera.’’ Mariin dhimma teeknikaa torbee guutuu itti fufa jedhan.

    Dippiloomaatiin Ameerikaa olaanaa marii kanarratti hirmaataa ture mariin harki caalu ‘’ergaa burjaajessaa Iraan Ulaa Hormuuz deebistee banuufi dhukaasa dhaabuu Libaanos irratti kan xiyyeefate ture,’’ jedhe.

    Ibsi waloo mariisiftootaa dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessa nagaan akka darban gochuurratti wal hubannoo dhabuun akka hin uumamne ‘’qajeeltoon dubbii’’ kaa’ameera.

    Dhimma niwkilaaraa irratti mariin ‘murtaa’aa’ adeemsifameera jedhe dippiloomaatiin Ameerikaa kuni. Bakka buutonni biyyoota lameenii magaalaa Siwiiz Laakriin jedhamu keessatti wal argan guyyaa har’aa irraa qabee fuuldurattii dhimma teeknikaa marii’atu.

    Waliigalteen jalqabaa torbee darbee guyyaa 60 keessatti waliigaltee dhumaarra gahuu akkasumas Libaanos dabalatee dirree waraanaa hundarratti lola dhaabuufi Ulaa Hormuuz fa’a dha.

    Haatahu malee ergasii haleellaa Israa’el Libaanositti raawwataa jirtuun Hezboollaa waliin lolatti galuun Libaanostti namoonni ajjeefamaa jiru.

  14. Galchii Mohaammad Saalaa galcheefi mijeessee kenneen Masiriin yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa garee 32tti dabarte

    Mohaammad Saalaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Masiriin galchii Mohaammad Saalaa galcheefi mijeessee kenneen duubaaa ka'uun Niwu Ziiland mo'achuun gareeshee keessaa yeroo jalqabaaf marsaa ittaanutti dabarte.

    Gareen Fari'oon seenaasaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Adunyaarratti marsaa ittaanutti darbuu mirkaneeffate.

    Niwu Ziilaand boqonnaa dura daqiiqaa 15ffatti galchii galchii lakkoofsisuun dursuu eegaltus fulla'uu hin dandeenye- Masiriin galchii wal-qiixxeessu lakkoofsiste.

    Daqiiqaa 67ffaarratti galchii Mohaammad Saalaa lakkoofsisteen Masiriin dursummaa fudhatte. Daqiiqaa 82ffaarratti ammoo kubbaa galchiif ta'u mijeessee kennuun Marsiin 3-1 Niwu Ziilaand injifachuun yeroo jalqabaaf marsaa ittaanutti akka dabartu shoora guddaa taphateera.

    Gareensaa erga injifatee booda Mohaammad Saalaa yaada kenneen baay'ee gammaduu ibse.

    "Taphattoota hundaaf milkaa'ina guddaa ture...Taphni ittaanu baay'ee murteessaa ta'a," jedhe dursaan taphattoota Masirii Mohammad Saalaa.

  15. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Tooraa kallattiin oduu isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Mariin marsaa jalqabaa US fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa ture 'haala gaariin xumuramuu..

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Nu hordofaa!