Ruubiyoon Iraan waliin waliigalteerra ga'uun ni danda'ama jedhe, Iraan ammoo carraan milkaa'uu dhiphaa ta'uu ibsite

Tiraamp mariin nagaa Iraan waliin taasisan waliigalteerra gahamaa jiraachuu hime. Maarkoo Ruubiyoos fooyya'insa guddaa jira jedhe.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaan biyyoota 10 Iboolaaf saaxilamoo tahn keessa jirti, Miniisteerri Fayyaa of eeggaannoo gochaa jira

    Vaayirsii Iboolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dimookitaatawaa Riippaabliika Koongootti weerarri dhibee Iboolaa akka haaraatti erga dhalatee namoonni 900 tahan dhukkubichaan qabamuun shakkamniiru jedha Dhaabbati Fayyaa Addunyaa.

    Kanneen keessaa namoota 101 qabamuun mirkanaa'eera. Dhukkubni talaallis tahe qoricha hin qabne gara Yugaandaattiis tamsa'eera.

    Wiirtuun To'annoofi Ittiisa Dhukkubaa Afrikaa CDC'n ammoo Itoophiyaa dabalatee biyyooti kudhan tamsa'ina dhukkuba kanaaf sadarkaa olaanaa taheen saaxilamoo dha jedhe.

    Hogganaan Olaanaa dhaaabbatichaa Dr Jiin Kaaseyaa ministiroota fayyaa DRC, Yugaandaa fi Afrikaa Kibbaa waliin walgahii hatattamaa Caamsaa 24/ 2025 taasisaaniin Angoolaa, Burundii, Rippaabliika Gidduugala Afrikaa, DRC, Keeniyaa, Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Taanzaaniyaa, Zaambiyaa fi Itoophiyaan of eeggannoo akka jabeessan gorsaniiru.

    Haaluma kanaan Ministeera Fayyaa Itoophiyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa qindoominaan hojii of eeggannoo gochaa akka jiran beeksisaniiru.

    Ministeerri Fayyaa Ibsa har'a baaseen dhibeen kun akka mudate erga dhagahmee as hordoffii gochaa akka jiru hime.

    Keellaa bahumsaafi galma geejiba lafaa, buufata xiyyaaraa idila addunyaa hundarratti hojiin adda baasuufi hordoffiin taasifamaa jiraachuu ibse.

    Kana malees dhaabbilee yaalaa qophii taasisuu akkasumas laaboraatoriifi dhiyeessi wal'aansaa irratti qophiin jabaatee jira jedhe.

    Ministeerri Fayyaa biyyoota dhukkubni kuni keessatti mul'ate wajjin hariiroon daangaa kallatti akka hin jirreefi Itoophiyaattis namni dhibee kanaan hamma yoonaa shakkames tahe dhukkubsate akka hin jirre ibseera.

  2. DRC keessatti dhukkubsattoonni Iboolaa hospitaala keessaa baqachaa jiru

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dhukkabsattoonni Iboolaa hospitaalaa baqachaa jiru

    Rippaabilika Dimokraatawa Koongootti hakiimonnii dhibee Iboolaa yaalaa turan hanqina meeshaalee waldhaansaatiin rakkachuun qoramaa jiru.

    Amma immoo buufataalee yaalaa irratti haleellaan raawwatamuu fi dhukkubsattoonni buufata waldhaansaa keessaa baqachuun qormaata biraa itti ta'eera. Kun tatamsa'ina dhibee kanaa waan babal'isuuf yaaddoo jabaan dhalate.

    Mudannoowwan akkasii yoo xiqqaate sadi bulchiinsa kaaba-baha Iituurii keessatti kan mudatan yoo ta'u, dhibee Iboolaan namni jalqaba qabames naannuma kanaa gabaafame.

    Mudannoowwan kanneen keessaa lama dhuma torbee darbee kan tahe yoo ta'u hospitaalichaa dhukkubsattootni digdamii ol akka baqataniif sababa ta'eera.

    Weerara Iboolaa bara 2018-2020 baha Dimookraatawa Rippaablika Koongootti mudate hordofees haleellaa dhaabbilee fayyaarratti godhameen ogeeyyiin fayyaa 25 ajjeefamanii turan.

    Sababni haleellaa kanaa gariin maatiin kanneen dhibee kanaan du'an awwaallachuu dhorkamuu dha. Maatiin tokko tokko weeraruma kanallee gowwoomsaadha jedha.

    Baay'inni maallaqaa fi humna namaa gara naannoo sababa waraanaa fi rakkoo gaaga'ama namoomaa waggoota kurnan hedduuf ture, shakkii hawaasa naannichaa dabaluun haala kanaaf kakaaseera.

    Haalli walfakkaataan ammas deebi'ee mul'achaa jira jedhan, Daayirektarri Hospitaala ReferaalaaMoongibwaaluu Doktar Riichard Lookoodu.

    Hospitaala kanarratti jalqaba Sanbata duraa, lammeessoo ammoo Dilbata haleellaan irratti raawwatame.

    "Uummatni dhibeen kun akka hin jirre haalaan jira, miseensonni maatii tokko tokkos reeffa namoota dhibee kanaan shakkamanii fi kanneen dhibamuun isaanii mirkanaayee fudhachuu barbaadu," jedhan.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) tamsa’ina vaayirasii Iboolaa gosa Bundibugyo kan baay'ee adda ta'ee fi seenaa keessatti tamsa’inaan sadarkaa sadaffaa irratti argamu kana, yaaddoo fayyaa hawaasaa addunyaalessaa jedhee labsee jira.

    Hoogganaan WHO Teedros Adhaanom Gabrayeesus Dilbata darbe akka jedhanitti, hanga ammaa namoonni 900 ol dhibee kanaan qabamuun shakkamuu himan.

    Kanneen keessaa namoota 101 qabamuu mirkanaa'eera.

    Wiixata har'aa immoo, Dr. Teedros namoonni 220 du'aniiru jedhamee akka shakkamu ibsan; dhibee kana dafanii adda baasuuf yeroo dheeraa fudhachuun isaa immoo qormaata biraati jedhan.

  3. Biyyooti Arabaa Somaaliilaand Yeruusaalemitti embaasii banuu balaaleffatan

    Biyyooti Arabaa 16 tahan ibsa baasnaiin Somaaliilaand Yeruusaalemitti embaasii akka bantu beeksisuu balaaleeffatan.

    Ibsi ministeera hajaa alaa biyyoota kunneeniin baheefi Ministeera Hajaa Alaa Kataariin maxxanfame tarkaanfiin kuni seera idil-aadunyaa kan faallessu tahuu beeksiseera.

    ''Kuni seeraafi qajeelfamoota idil-addunyaa ifatti kan sarbeefi seenaa ''Yerusaalem seeraan ala qabamtee'' kan cabsu dha jedha ibsichi.

    Ibsichi biyyooti kunneen tarkaanfii baqqeedhaan taasifamu akkasii akka balaaleffatan himan. ''Yeruusaaleem seeraan ala qabamuushee dhimma dhugoomsuufi dhaabota seera Biyyoota Gamtoomaniifi seera idil-addunyaa cabsaniifi kan wabii kennuu dha,'' jedhan.

    Dabaluunis Yerusaalem Bahaa bara 1967 seeraan ala daangaa Falasxiin jalaa fudhatamtee jirti, haala kana jijjiiruuf yaaluun fudhatama hin qabu jedha ibsi isaanii kuni.

    Biyyooti kunneen tokkummaa, walabummaafi eegamu daangaa Somaaliyaaf deegarsa guutuu akka qaban ibsaniiru.Tarkaanfii baaqqee walabummaa Somaaliyaaf dhimma hin kennine akka hin fudhanne ibsaniiru.

    Biyyooti ibsa kana keessatti eeraman Kataar, Masrii, Saa'udii Arabiyaa, Joordaan, Turkii, Paakistaan, Indooneeziyaa, Jibuutii, Somaaliyaa, Falasxiin, Omaan, Sudaan, Mooriteeniyaa, Aljeeriyaa, Yamaniifi Libaanoos fa'a dha.

    Baha Yerusaalem

    Madda suuraa, Getty Images

  4. Aangawoonni Iraan Kaataar seenuun gabaafame

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Abbaas Araagchii

    Hoggantoonni Iraan marii nagaa Ameerikaa waliin godhamu dursan, magaalaa guddoo Kaataar Dohaa seenuu isaanii Rooytarsi gabaase.

    Imalli Af-yaa'ii Mana Maree Iraan Mohaammad Baagar Gaalibaaf fi Ministira Dhimmma Alaa Abbaas Araagchii gara Qataar godhan kun kan hin eegamne ta'uu gabaafameera.

    Hoggantoonni olaanoon Iraan kunniin hoggana Kaataar Sheek Taamiim Biin Hamad Al-Taanii waliin marii gochuuf gara Dohaa akka deeman gabaafameera.

    Mariin ijoon aangawoota kanneenii dhimma Ulaa Hormuuzii fi sagantaa yuraaniyeemii Iraanirratti akka xiyyeeffatu Rooytasi gabaase.

    Gabaasni miidiyaa Teehraan akka gabaasetti, Bulchaan Baankii Biyyaalessa Iraan Abdoolnaasir Heemaatii "dhimma qoqqobbii herrega baankiirratti buufame" ilaalchisee mari'achuuf gara Kaataar deemanii jiru.

    Torban dabres jilli hoggantoota Kaataar gara Iraan deemee akka ture ni yaadatama.

    Haaldureewwan marii nagaa Iraan dhiyeessite keessaa tokko, Ameerikaan qoqqobii herrega maallaqa ishee irratti keesse akka kaastu kan gaafatudha.

  5. Mimmixni 'foolii jabaa' qabu itti biifamuun booda namoonni hospitaala seenan

    Hojjettoota yeroo balaa Jaappaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Tokiyoo gamoo daldalaa keessatti fooliin badaan faca'uu booda namoonni 19 hospitaala geeffaman jechuun miidiyaan biyyattii hime.

    Dubbii himaan poolisii akka jedhetti gaafa Wiixataa nama tokkotu maashina ATM wiirtuu daldalaa Giinzaa jedhamu keessatti biife.

    Waanti biifame jedhame kuni waan akka mimmixaa corqaa keessatti argamu kaapsiikaan jedhamuufi qaama namaa bir'achiisu tahuu hin oolu jedhe.

    Miidiyaan biyyattii NHK jedhamu poolisiin ammayyuu shakkamaa kana barbaadaa jira jedhe.

    Namoonni iddoo waan kuni biifame jiran qoonqoon isaanii akka isaan dhukkubeefi hooqsise himuu AFP'n gabaaseera.

    Dubartiin tokko "yeroon iddoo ATM qaqqabu qoonqoon koo na hooqsisaa ture, inumaa hadoodee ture," jette.

    Poolisii dabalatee hojjettoonni yeroo hatattamaa, ambulaansiifi warri ibidda dhaamsan iddichatti argamanii turan.

  6. Yugaandaatti konkolaataa fi arbi paarkii keessatti walitti bu'uun namoonni sadii du'an

    -

    Madda suuraa, Uganda Police Force

    Ibsa waa'ee suuraa, Yugaandaatti konkolaataa fi arbi paarkii keessatti walitti bu'uun namoonni sadi du'an

    Paarkii biyyoolessaa Yuugaandaa keessatti konkolaataan arba tokkoon walitti bu'uusaatiin namoonni sadi du'uu qondaaltonni himan.

    Poolisiin akka jedhutti, balaa Dilbata galgala Paarkii Biyyoolessaa Murchison Falls kan kaaba-dhiha biyyattii keessatti mudate kanaan namoonni biroo afur madaawanii jiru.

    Konkolaatichi aangawoota Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Yuugaandaa torba fe'ee deemaa akka ture ibsame.

    Balaan konkolaataa Yuugaandaa keessatti baay'ee kan baratame yoo tahu, sababa hawaasni naannoo paarkiitti lafa babal'ifachaa jiruufi iddoowwan bineensota bosonaa eegumsa godhamaniif dhiphisaa jiruuf, walitti bu'iinsi bineensota bosonaa fi namoota gidduutti uumamu dabalaa jira.

    Poolisiin Yuugaandaa miidiyaa hawaasummaa X irratti akka ibsetti, yeroo walitti bu'iinsi kun uumametti konkolaatichi magaalaa Aarwaa irraa gara magaalaa guddittii Kaampaalaatti deebi'aa ture.

    Namoonni miidhaman gara hospitaala dhiyootti argamutti, boodas gara Kaampaalaatti wal'aansa dabalataaf geeffamaniiru.

    Aangawoonni waa'ee miidhama Arbaa irratti odeeffannoo hin kennine.

    Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Yuugaandaa konkolaachiftoonni wayita bineensotni bosonaa daandii qaxxaamuran of eeggannoo akka godhaniif waamicha godhe.

    Abbaan taayitichaa "kanneen doqdoqqee oofan bineensota paarkii daandii qaxxaamuraniif of eeggannoo cimaa akka godhan" jechuun cimsee hubachiise.

  7. Kabaji Haajii Sa'ud Arabiyaatti jalqabame

    Imaltoota Haajii

    Madda suuraa, Getty Images

    Imalli Haajii bara 2026 gara Sa'ud Arabiyaa bakka qulqulluu Miinaatti taasifamu Musliimonni miliyoonaan lakkaa'aman irratti hirmaatan jalqabeera.

    Maddi oduu AFP hogganaan dhimma paaspoortii Sa'ud Arabiyaa Saaleh Biin Saad Al-Murbaa eeruun akka gabaasetti, Jimaata darbe qofa imaltoonni miliyoona 1.5 ol ta'an bakka qulqulluu kana Haajiif qaqqabaniiru.

    Kabaja Haajiif qophiin barbaachisan hunduu xumuramaniiru jedhan aanga'oonni. Keessumaa imaltootaaf magaalota akka Makkaa, Miinaa, Arafaat fi bakkawwan qulqulluu biroo keessatti tajaajilli barbaachisan dhiyeessuuf qophiin addaa taasifamuu himaniiru.

    Biyyattiin tajaajilawwan fayyaa, geejjibaafi qajeelfama gara garaa afaan gara garaan kennuuf qophii bal'aa taasisuu ibsiteetti.

    Ministeerri Fayyaa Sa'ud Arabiyaas bara kana yeroo jalqabaatiif kabaja Haajii kanarratti tajaajila fayyaa dhiyeessuuf dirooniiwwan hojiirra oolaa jiru.

    Suuraawwan imaltoota Haajii Sa'udii Arabiyaa qaqqaban daawwadhaa:

    Imaltoota Haajii bara 2026

    Madda suuraa, Getty Images

    Imaltoota Haajii bara 2026

    Madda suuraa, Getty Images

    Imaltoota Haajii bara 2026

    Madda suuraa, Getty Images

  8. Iraan waliigalteen Ameerikaa waliinii dhihootti waan tahu miti jette

    Mojtaabaa Kaameenii

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan Ameerikaa waliin hubannoon hanga tahe jiraatus garuu ''waliigalteen waan dhihootti tahu miti,'' jette.

    Dubbiihimaan Hajaa Alaa Iraan Ismaa'el Baaqaayi dhimma kana kan dubatan Ministirri Hajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Wiixata har'aa waliigalteerra gahuu malla jechuun booda dha.

    ''Dhimmoota marii irra turre keessaa hamma baayyeesaa goolabarra geenyeerra,'' jedhan Baaqaayiin Wiixata har'aa. ''Garuu kuni waliigaltee mallatteessuun hin hafu- jedhanii waan yaadan miti,'' jedhan.

    Waliigalteen wal hubannoo kuni dhukaasa dhaabuu guyyoota 60tti dheeressuu, Ulaan Hormuuz deebi'ee akka banamuufi sagantaan niiwkilaaraa Iraan irratti mariin akka itti fufu dhimmoota jedhan akka qabate gabaafameera.

    Sambbatanirra Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp gama lamaaniinuu waliigalteef dhihoo akka jiran himuun garuu marii'attoonni ''akka hin jarajarre'' itti himuu dubbateera

    Wiixata har'aa Maarkoo Ruubiyoon magaalaa guddoo Hindii Niiw Deelihiitti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin ''kalee galgala oduu waan dhegeenyu seenee turre, feetu har'a dhaghu malla,'' jedhan.

    Ruubiyoo odeeffannoo bal'aa kennuu akka hin barbaanneefi, ''waan Iraan jettu dhagahuuf yeroo muraasa fudhachuu mala,'' jedhan.

    Miidiyaa CBS akka gabaasetti Hogganaan Olaanaa biyyattii Moojtaabaa Kaameen iddoo dhokataa taa'ee bakka buutotatti waan dubbatuuf mariin kuni akka barbaadame tarkaanfachuu dhiisuu mala.

  9. Paakistaan akkamiin US fi Iraan waliigalteerra akka gahan gargaarte?

    Bulchitoota Paakistaaniifi Ameerikaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraanii fi US torban lamaaf waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuu isaanii sa'aatiiwwan muraasa dura gama Paakistaaniin abdiin tureera.

    Paakistaanirraa maddi eenyummaa isaa hin himamne, BBC'tti akka dubbatetti mariin jaarsummaa Paakistaaniin gaggeeffamu "saffisaan" itti fufee ture.

    Paakistaanirraa gareen jaarsummaa kana keessatti hirmaataa ture "tuuta baay'ee xiqqaa" kan ture yoo ta'u, miirri tures "naatoo kan qabuu fi garaarraa waliigalteef kan hojjetu ture. Haasaa isaaniirraa ka'uun abdiin dhukaasa dhaabuu tureera. Sa'aatiiwwan muraasatu hafe." jedha maddi BBC kan marii kana keessatti hin hirmaanne.

    Paakistaan qooda jaarsummaa kan fudhatte torbee muraasa darban keessa. Lamaaniifuu ergaa dabarsaa turte.

  10. Ameerikaan kaayyoo waraana Iraanitti banteef galmaan ga'atteettii?

    Loltoota US

    Madda suuraa, Getty Images

    Torbanoota jalqabaa Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti waraana bananirraa kaasee waajirri waraanaa Peentaagoon adeemsa waraana kanaa ilaalchisuun yaadota gara garaa dhiyeessaa tureera.

    Humna waraanaa guddicha addunyaa kan hogganu ministirri waraanaa Ameerikaa Piit Heegiseet haalli ibsa gaazexeessitootaaf itti kenne akkaataadhuma osoo gara aangootti hin dhufiin Fox News irratti xiinxala dhiyeessurraa adda hin turre.

    Ibsa gaazexeessummaa jalqabaa kan kaayyoo Ameerikaan waraana kana keessatti milkeessuuf karoorfatte itti ibsaniii hanga waliigfaltee torban lamaaf dhukaasa dhaabuun booda ibsa kennaniitti ol aantummaa waraanaa Ameerikaa kan agarsiisanidha.

    Waa'ee adeemsa waraanichaa fi gatii waraanni kun Ameerikaa baasisu isa dhugaa ta'e hubachuuf qorannoo gadi fagoo gochuu gaafata.

    Hanga waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroo ammaa hojiirra oolaa jiru garuu gufuun itti baayyachaa jiru kanaatti Ameerikaan maal milkeeffatte?

    Waraaana kanatti hangam baaste?

    Dhimma nukilaraa hanga barbaadame hin deemiin jiru

  11. Pirezidant Tiraamp jilli US bakka bu’anii mariyatan Iraan waliin waliigaltee raawwachuu “akka hin ariifanneef” hubachiise

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Marii Ameerikaafi Iraan waraana dhaabuuf taasisaa jiran gara xumura argachuutti dhiyaachaa deemuu hordofee Pirezidant Doonaald Tiraamp jila Ameerikaa bakka bu’anii Iraan waliin mariyachaa jiran “ariifatanii waliigaltee akka hin raawwanne” ajaje.

    Qabxiiwwan ijoo karoorri waliigaltee biyyoonni lamaan irratti mariyataa jiran qabate keessaa tokko dhukaasa dhaabuu guyyoota 60f dheeressuu, Ulaan Hormuuz irra deebiyamee akka banamu gochuu, akkasumas sagantaa nukilaraa Iraan ilaalchisee marii dabalataa taasisuu kanneen jedhanidha.Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti barreeffama baaseen, mariin kun bifa “ijaaruun” gaggeeffamaa jiraachuu ibsullee, “qaamoleen lamaan yeroo fudhachuun sirriitti raawwachuu qabu” jedheera.

    Pirezidant Tiraamp Sambata waliigalteen kun “baayyinaan irratti dubbatamaa jiraachuu” dubbachuu hordofee waliigalteen kun ibsamuun isaa waan hin oolle akka ta’e tilmaamameera.

    Aanga’oonni Iraan yaada walfakkaatu agarsiisanii ture. Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa biyyattii Ismaa’el Baagaay qaamoleen lamaan waliigalteerra ga’uudhaaf “baayyee dhiyeefi baayyee fagoodha” jedhee ture.

  12. GPS'n xiyyaara ajajaa waraana UK qabatee balali'aa ture butame

    Ajajaan Waraana UK, Joon Heelii waraana isaanii Estooniyaa jiran daawwatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ajajaan Waraana UK, Joon Heelii waraana isaanii Estooniyaa jiran daawwatan

    Sirni balalii xiyyaaraa ajajaa waraana UK qabattee balalii irra turte RAF jedhamtu naannoo daangaa Raashiyaatti butamuu gabaafame.

    Jalqaba torban kanaatti Joon Heelii loltoota UK Estooniyaa keessaa daawwachuun deebi'aa osoo jiranii sirni balalii xiyyaara isaanii butame.

    Gocha kana duuba Raashiyaatu jira jedhame. Paayileetiin xiyyaarichaa tooftaa balalii gara biraa fayyadamuun balali'e.

    GPS xiyyaarichaa sa'a sadiif waan butameef akak hin hojjenne godhameera.

    Heeliin tahe jedhamee irratti xiyyeeffatamuu isaa waan beekame hin jiru.

    Garuu balaliin isaanii marsariitii balalii keessatti ni argama. Ministeerri Ittisaa UK dhimma kana irratti yaada hin kennine.

    Xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa lama Black Sea irratti xiyyaara basaasaa RAF, irra deddeebin qolachuu erga gabaafamee waan kun raawwate.

    Joon Heelii yeroo Estooniyaa deeman loltoota Yuukireen NATO waliin naannoo daangaa raashiyaatti shaakalarra turanis daawwateera.

    Ji'a darbe xiyyaarri waraanaa Raashiyaa SU-35 xiyyaara basaasaa Riiver Jooyint jedhamutti akka malee dhiyaachuun sirna yeroo balaa isaa akka qophaa'u godhe.

    Akkasumas Su-27 xiyyaara RAF jedhamu fuuldura si'a jaha darbe. Inumaayyuu funyaan xiyyaarichaatti haga meetira jahaa dhiyaachuun bira darbaa ture.

    Joon Heelii dandeettii fi ogummaa garee balalii RAF galateeffatee gochaan raashiyaa ''fudhatama kan hin qabne'' jedhe.

    Bara 2024 xiyyaarri RAF Ajajaa Waraanaa UK, Giraant Shaapsi qabatee osoo balali'aa jiruu GPS isaa jalqaa butame. Kunis naannoo daangaa Raashiyaatti dhiyoo ture.

  13. Waliigaltee Ameerikaa fi Iraan hordofee gatiin boba'aa hir'achaa jira

    Gatiin boba'aa hir'achaa jira

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gatiin boba'aa hir'achaa jira

    Gatiin boba'aa haalaan hir'ataa jira. Gatiin gabaa istookii Eeshiyaa waliigalteen nagaa mallattaa'a abdii jedhuun haalaan dabalaa jira.

    Tiraamp irra caalaan qabxiilee mariif dhiyaatanii irratti waliigalleerra jedhan.

    Garuu gareen US bakka bu'e ariitiidhaan waliigalticha fudhachuu akka hin qabne hime.

    Gatiin boba'aa Wiixata ganama Eeshiyaa keessaa baarmeela tokkotti 5.5% hir'ateera. Ameerikaa keessatti ammoo 5.8% hir'ate. Baarmeelli tokko gara doolaara 90tti gadi bu'eera.

    Tiraamp akka jedhanitti Hulaan Hormuuz waliigalticha yoo xumuran ni banama.

  14. Ashamaa, Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii kana keessatti odeessaalee biyya keessaa fi alaa filataman argattu.

    Nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii!