Miira dadhabbii hanga qaamolee seeraan to'atamuutti- Dargaggoo milaan imaluun Irreechaarratti hirmaate

Madda suuraa, Baqqalaa Gannatii
"Gaafan manaa bahu iddoo natti dhihettin bula jedhee uffata halkanii qabadhee bahe" Dargaggoo Ifaa Baqqalaa
Dargaggoo Ifaa Baqqalaa Gannatii namoota Ayyaana Irreechaa bara kanaarratti ijoo dubbii ta'an keessaa tokko. Dargaggeessi kun kilomeetiroota 250 ol lafoo imaluun ayyaanicharratti hirmaatera.
Jiraataan Godina Giddugaleessa Oromiyaa Aanaa Daannoo magaalaa Sayyoo kun, "Gaafa Fulbaana 10 (2026) sa'aa laaqanaarrattin manaa bahe. Guyyoota 12'f imalee Fulbaana 22 Finfinnee gahe" jedha.
Mana isaatii hanga magaalaa Finfinneetti guutummaatti miilaan deemuusaa BBC'tti kan hime dargaggoo Ifaa, imallisaa bu'aa bahii kan qabu akka ture dubbateera.
Waraqaa eenyummaa hanga alaabaatti…
Imalasaa gara Hora Finfinneen wantoota nabarbaachisu jedhee yaade muraasa qabatee aanaa Daannoo magaalaa Sayyoorraa imala eegaluusaa dargaggoo Ifaa dubbata.
Kunneen keessaa muraasnis waraqaa eenyummaa biyyaalessa, kofoo lamafi uffata halkanii tokko yemmuu ta'an alaabaas harkatti qabatee ture.
"Alaabaa jaalala, nagaafi tokkummaa labsu alaabaa Abbaa Gadaa halluu gurraacha, diimaafi adii qabu qabadheen manaa bahe" jedheera.
Imallisaa namoota heddun kabajni akka laatameef, namoonni heddus akka isa jajjabeessan kan himu dargaggoo Ifaa, kunneen ilaalcha gaarii hintaane isatti agarsiisan akka jiranis himeera.
Haa ta'u malee kilomeetiroota 250 ol lafoo deemee Irreecha kabajuusaaf sababoonni lamaa sadi akka jiran dargaggoon kun dubbata.
Sababni inni tokkoffaanis aadaafi duudhaa uummata Oromoo 'faarsuufi bakka laachuufii' akka ta'e hima.
"Akka dhuunfaatti dirqama eenyummaakoo bahachuu qaba jedheeni kanin manaa bahe" jedha.
"Uummanni keenyallee haadhoo lama ta'ee bitaa mirgadha kan inni dhaabbatee jiru" kan jedhu dargaggeessi kun, sababni imalasaa inni biraan tokkummaa labsuu akka ta'e dubbata.
"Uummanni Oromoo kun tokko ta'uu qaba, obbolaan lamaan bitaaf mirgaan dhaabbachuu hinqaban" jedha.
Irreechis ayyaana nagaafi tokkummaa itti kadhatan akkasumas nama haaloo irraa qabaniif dhiifama kan itti godhan akka ta'es himeera.
Bu'aa bahii imala lafoo

Madda suuraa, Baqqalaa Gannatii
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Imalasaa Daannoodhaa hanga Finfinneen bu'aa bahii keessa darbuusaa dargaggoo Ifaa Baqqalaa dubbata.
Bu'aa bahiiwwan kunneen keessaa tokkommoo mudannoo haala nageenyaa naannichaan walqabatee isa mudatedha.
"Oromiyaa keessa rakkoon nageenyaa jirti. Isaan walqabatee qaamni seeraa adda baafachuuf na to'ate jira.
Tumsa nageenyaa qaamolee nageenyaa aanaakoofi bakka garagaraa jiraniin nagaa ta'uukoo erga hubatanii booda yeroo sa'aatii tokko hincaalleef ergan to'atamee booda baheera" jedha.
Dadhabbiinis qormaata imalasaa akka ture kan himu dargaggoon kun, "kaayyoon manaa baheef waan nakeessa jiruuf dadhabbiinkoo yeroo sanatti cimina ta'ee natti mul'ate" jedha.
Beekamtiifi badhaasa…
Dargaggoo Ifaa Baqqalaa ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Bishooftuu kabajee yeroo gara aanaasaatti deebi'utti jiraattotafi angawoota aanichaan simatameera. Dabalataan beekamtiifi kennaas argateera.
"Jalqaba manaa kanan bahe adda durummaan dhimma tokkummaafi malee beekamtii fedheen miti kanan manaa bahe. Akka aanaa keenyaatti kaartaa lafaa kaaremeetira 160 jedhu naaf laatameera" jedheera.
Dhaabbileefi namoonni dhuunfaan deeggarsa taasisaniif akka jiranis himeera.


























