MM Xaaliyaan isa Tiraamp suuraa akka kaanuuf 'na kadhatte' jedheef deebii kennite

Tiraampiifi Meloonii

Madda suuraa, Handout via REUTERS

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ministirri Mummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii Donaaldi Tiraamp beekamtii siyaasaa qabdurratti gaaffii kaasuufi suuraa akka kaanuuf ''irra deddeebiin na gaafateetti,'' jechuu hordofee lammata miidiyaa hawaasaa irratti deebii kennite.

Tiraamp gaafa Sambataa ''beekamtiin Xaaliyaanii keessatti qabdu baay'ee miti,'' jechuun ishee qeeqeera.

Dabaluunis Teehraan ''nukilaraa akka hin oomishne ykn hin qabaanne'' tattaaffii Ameerikaan taasiftu Meeloniin hin deeggarre jechuun himata.

Meelooniin miidiyaa hawaasaa Instaagiraamii irratti deebii kenniteen Tiraamp ''homaa qoccollaan osoo irra hin gahin himatni dhiyeessuu waan waa'ee hin baasne dha,'' jette.

''Si waliin hiriyoomuun beekamtii koof bu'aa hin buusu, beekkamtiin koo hariiroo si waliin qaburrattis hin murtaa'u,'' jette.

''Waa'een beekamtii koo mata bowwaa sitti tahuu hin malu. Ofirratti otoo xiyyeeffattee yaada jedhuun sii dhiyeessa,'' jetteen.

Sambatuma kana Tiraamp ministirri mummee Xaaliyaanii kuni Ameerikaan haleellaa iraan irratti raawwataa turteef buufata waraanaa biyyattii akka hin fayyadamne dhorkuun ''gufuu loojistiksii guddaa uumteetti,'' jechuun ishee himate.

Ministirri Mummee Xaaliyaanii garuu buufataaleen waraanaa biyyattii ''waliigaltee mootummaa yoomiyyuu kabajnu dha. Suni ammoo hammaa ani ministira mummee tahetti kan cabu hin tahu,'' jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jimaata darbe kora G7 Faransaayitti geggeefame irratti Tiraamp ministirri mummee Xaaliyaan suuraa akka waliin kaanuuf ''na kadhatteetti,'' jechuun dubbachuu isaatti dinqamuu Meelooniin dubbateetti.

Tiraamp Guraandhala darbe yeroo Iraan haleeluu jalqabuun as walitti mufachuun hogganoota lameenii dabalaa dhufeera.

Ministarri Hajaa Alaa Xaaliyaan Antooniyoo Taajaanii imalli torbee dhufu gara Ameerikaa taasisuuf ture haqameera.

Tiraampiifi Meelooniin kora G7 Faransaayitti adeemaa tureen walitti dhiyaatanii yeroo dubbatan mul'atanii ture.

Melooniin booda gaazexessitootaaf deebii kenniteen hariiroo isaanii gidduu ''homaa wal himachuun hin jiru'' jette.

Tahus Tiraamp TV Xaaliyaanii tokko waliin bilbilaan haasaa taasisee ''suuraa akka kanuuf yeroo na kadhattu, na gaddisiiste,'' jechuun dubbateera.

Tiraamp dabaluunis, ''gatiin ishee dubbiseef gammaddee tahuu danda'a,'' jechuu TV'n kuni pireezidantichi kana jechuusaa mirkaneessuuf sagalee afaan Ingiliiziin waraabame dhageessiseera.

Kana booda Melooniin waan Tiraamp jedhe amanuuf rakkachuun Instaagiraamii ishee hordoftoota miiliyoona torba qabu irratti viidiyoo gabaabaan deebii kenniteetti.

Waan akkasii yeroo jalqabaaf akka hin mudanne himuun ''michoota isaatti maaliif amala akkasii akkannni agarsiisu hin beeku,''jette.

''Garuu waan inni yaadachuu beeku anaaf Xaaliyaaniin takkaa waa kadhannee hin beeknu,'' jechuun deebii kennite.

Joorjiyaa Melooniin bara 2022tti gara aangootti kan dhufte yoo tahu sagantaa simannaa pireezidaantummaa Tiraamp bara 2025 irratti hogganoota Awurooppaa keessaa ishee qofaatu argame.

Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa gidduutti akka riqichaatti akka tajaajiltu abdatamaa turte.

Melooniin waraana Ameerikaan Iraan waliin taasifte ifatti kan mormite yoo tahu, yeroo Tiraamp Phaaphaasii bataskaana Kaatolikii Pooppi Liyoo 14ffaa qeeqes mormiteetti.