Osoo gaaffii hin gaafatiin namatti dhukaasuu akka dandeessuuf seerri siif hayyamaa?

Madda suuraa, Reuters
Dhiyeenya US keessatti namoonni nagaa lama erga rasaasaan rukutamanii ajjeefamanii booda seera âof eeguuâ jedhamu irratti marii dubbiin ka'aa jira.
Torban darbe keessa umurii ganna 16 kan taâe Raalf Yaarl erga balbala manaa dogoggoraa rurukkutee booda siâa lama rasaasaan dhahame.
Shamarreen ganna 20 Kaatlin Gilis jedhamtu ammoodaandii dhuunfaa keessa dogoggoraan seentee rasaasaan rukutamtee ajjeefamteetti.
Taateen kun US keessatti mirga namootni ofiifi qabeenya isaanii eeggachuu qabu jedhuufi yeroo namoonni of eeguuf jecha humna cimaa fayyadaman irratti gaaffii kaaseera.
Deebiin kanaa bakka jiraattu irratti hundaaâa.
Seerri 'of eeguu' maalidha?
Seerri of eeguu sadarkaa bulchiinsaatti kan kaaâamu yoo taâu, hedduun isaanii namoonni miidhaa ykn duâa ofirraa ittisuuf humna cimaa (kan duâa geessisu) dabalatee, humna akka fayyadaman ni eeyyama.
Seerri of eeguu âcastle doctrineâ jedhamu, yeroo namni tokko mana isaanii ykn bakka jiraatan balaarra eeguuf âitti gaafatamummaa fudhachuu qabanidha".
Itti-gaafatamummaan baqachuu ykn yoo dandaâame waldhabdee irraa of faggeessuun, seera of eeguu hedduu keessaa baafameera. Kun qeeqtotaan maqaa seera âjalqaba dhukaasiâ jedhamuun akka wamaamu taasiseera.
Seerri kun heera bulchiinsota US keessatti mulâachuu kan eegale, wiixineen hima ânamni mirga of eeguu qaba,â jedhu bulchiinsa Filooridaa keessatti bara 2005 baâee boodadha.
Yeroo himatamtoonni gocha isaaniif falmii seera of eeguu fayyadaman, yeroo hedduu dhimmichi namni kun humni isaan fayyadaman dorsiisa ykn yaddoo irra gaâe waliin waan wal gitudha kan jedhutu ilaalama.
Akka Yunivarsitiin Korneel jedhutti, seerotni tokko tokko âhumna duâa geessisu,â kan jedhuuf hiika humna nama irratti duâa ykn miidhaa qaamaa cimaa gessisu jedhu kennuf.
Bulchiinsota US meeqatu seera 'of eeguu' qaba?
Waan qeâeefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana buâaa
Xumura beeksisaa
Seerootni of eeguu adda adda bulchiinsota 28 keessatti hojiirra jiru â kun bulchiinsa Raalf Yaarl itti rasaasaan rukutame Misuurii fi Porte Rikoo ni dabalata.
Bulchiinsoti seerri kun hojiirra oole keessa gariin isaan kanadha: Alabaamaa, Alaaskaa, Arizoonaa, Filoorida, Joorjiyaa, Aaydahoo, Indiyaanaa, Ayoowaa, Kaansas, Kantakoo, Luwiiziyaanaa, Mishigaan, Misissippii, Mizuurii, Montaanaa, Nevaadaa, Niw Hamsheer, Karolaayinaa Kaabaa, Dakootaa Kaabaa, Ohaayoo, Oklohomaa, Pensalveeniyaa, Karoolaayinaa Kibbaa, Dakootaa Kibaa, Tenesii, Teeksaas, Yutaah fi Vargiiniyaa Lixaa Wayooming.
Bulchiinsota kunneen keessatti, nama haleellaa raawwaturraa dheessuun ykn duubatti deebiyuuf itti gaafatamummaan hin jiru.
Miszuurii keessatti, namni tokko bakka qabeenya dhuunfaa isaanii keessa itti gaafatamummaa haleellarra baqachuu hin qabamu. Raalf Yaarliin rasaasaan rukutuu isaan walqabatee maanguddoon ganna 84, yakka haleellaa fi yakka meeshaa waraanaan himatameera.
Bulchiinsota saddeet biroo â Kaliforniyaa, Koloraado, Ilenooyis, Niw Meeksikoo, Origan, Barjiiniyaa, Vermoont fi Waashington â keessatti miidhaa ofirra ittisuuf humna duâa geessisu dandaâu fayyadamuun ni eeyyamama.
Bulchiinsi Niw Yoork, bakka shamarreen Gilis itti ajjeefamte, seera mirga of eeguu hin qabu, itti gaafatamummaa lubbuu balleessuurraa baqachuu ykn duuba deebiyuu hojiirra oolcha.
Taâus seerri bulchiinsichaa haala tokko tokko keessatti ilaacha âcastle doctrineâ hojiirra ni olcha. Duâa Aadde Gilisiin wal qabate namni tokko yakka ajjeechaan himatameera.
Miidhaa seerota of eeguu
Akka ragaaleen mulâisanitti bulchiinsota seera of eeguu qaban keessatti, yakki ajjeechaa %10 oliin ol kaâeera.
Yunivarsitii Chikaagootti hogganaa Wiirtuu eegumsa hawaasaa fi haqaa kan taâe Joon Romaan, yakkoota sababa seera of eeguun uumaman 53,019 irratti qorannoo gaggeesseera.
Seerri kun âhokkora leellisaâ jechuun BBCâtti himeera.
âNamootni eegumsa dabalataa kan qaban itti fakkata, eegumsa akka isaan dhukaasa bananan taasisu, utuu eegumsa kana qabna jedhani hin yaadan taâe dhukaasa hin banani,â jedha.
Dabaluunis sirna haqa yakkaa US keessatti âhaala nama gaddisiisuunâ adda addummaa sanyummaa uuma jedha.
Qorannoon kun akka mulâisutti, yeroo kan dhukaasa bane nama adii taâe kan miidhame nama gurracha taâu, carraan gochi isaa itti fudhatama argatu kan yeroo namni dhukaasa bane gurracha kan miidhame adii taâurra harka 10ân caala.
Seera of eeguu fayyadamuun ajjechaa namni adii nama guaracha irratti rawwaatu keessaa %11.4 akka waan sirritti yemmuu fudhatamu, ajjechaa namni gurrachi nama adii irratti raawwatu keessa garuu %1.2 qofaatu fudhatama argata.
Taatewwan bebbeekamo seera of eeguun walqabatan
Bara 2012 irratti ajjeechaan dargaggeessa umurii ganna 17 Tireeyvon Maartin, ilaalcha seera of eeguu duuba jiru irratti guutummaa biyyattitti mataduree xiyyeeffannoo argate uumee ture.
Abukaatoon namicha ganna 29 Joorgi Zimarmaan, humna duâa geessisu fayyadamuun isaa seera of eguu jalatti fudhatama akka qabu himaniiru. Joorji himata yakkaa hundarraa bilisa jedhameera.
Dhimmi kun magaalota Saan Firaansiskoo, Filedaalfiyaa, Chikaagoo, Waashingitan DC fi Atlaantaa keessatti hiriirri mormii guddaa akka gaggeeffamu taasiseera.
Taatee biraan dargaggeessi guraachi ganna 25, Ahmuuf Arberii, utuu safara Jorjiyaa tokko keessa ispoortiif fiigaa jiru namoota adii sadiin rasaasaan rukutamee ajjeefameera. Namootni kunneen gochi isaanii seera of eeguu jalatti fudhatama qaba jedhanii falmuuf yaalanii turani. Taâus, hin milkaaâin hafanii sadanuu yakka ajjechaa fi biroon himatamaniiru.


























